Oduu: Poolisiin qorannoo boordii filannoo gufachiisuuf hoggantoota isaa mana hidhaa turan dhokse jedhe ABOn, lubbuu isaaniif daran yaadda’uu hime

Finfinnee, Ebla 22/2023 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mootummaan hoggantoota isaa mana hidhaa keessaa jiran eessa buuteen isaanii dhabamsiise jira jechuun komate. Dhaabichi ibsa dhimma kana ilaalchisee Ebla 21 baaseen dhabamuu eessa buutee hoggantoota ABO mana hidhaa jiran “yaaddoo guddaa” itti uumuu eereera.

ABO’n ibsa isaa irratti iyyannoo irra deddeebinee dhiheessinu irratti hundaa’uun, Boordii Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa, hooggantootaa fi qondaaltota Adda Bilisummaa Oromoo seeraan alaa hidhaman irratti qorannoo dabalataa gaggeessuuf yeroo jedhutti mootummaan Itoophiyaa achii buutee miseensoota dhaabichaa dhokseera jedhe.

“Gaafa Ebla 18 boordichi Komishinii Poolisii Oromiyaatiif xalayaa barreesseen iyyannoo Adda Bilisummaa Oromoo daran qorachuu akka barbaadu ibse ture,” kan jedhe ABOn, itti dabalees “koreen bakka bu’oota paartii Badhaadhinaa, Addi Bilisummaa Oromoo fi Kongiresii Fedaraalawaa Oromoo fi hojjettoota boordii filannoo biyyaleessa Itoophiyaa of keessaa qabu waajjira poolisii Buraayyuutti akka argamu komishinichatti beeksise ture” jedhe.

Garuu guyyaa daawwannaa koreen karoorfame guyyaa tokko dura gaafa Ebla 18, 2023 halkan,” hidhamtoonni gara bakka hin beekamnetti jijjiiramaniiru” jedha ABOn ibsa isaa irratti. Itti dabalees, poolisiin Buraayyuu adeemsa qorannoo iftoomina qabu yeroo gufachiisuu yeroo lammafaafi jedhe.

Sana booda Ebla 20, 2023 guyyaa boordiin biyyaaleessa Itoophiyaa kaa’ee fi hayyama Poolisiin Buraayyuutiin koreen kun magaalaa Shaggar aanaa Buraayyuu bakka hoggantootni ABO hidhaman gahuus argachuu hin dandeenye jedhe ABO’n.

ABOn “diraamaa guutuu itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi qorannoo iftoomina qabu gufachiisuuf itti yaadamee kan qophaa’edha,” jedhe.

Qondaalota olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gara waggoota sadiif manneen hidhaa garagaraa keessatti hidhaatti dabarsanii fi yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuutti argaman torba Ebla 18 galgala irraa eegalee bakka hidhamanii argamanirraa dhabamuu itti gaafatamaan sab-qunnamtii ABO Lammii Gammachuu Addis Standarditti hime ture.

“Galgala maatiin nyaata geesseefi deebi’e. Sana booda mana hidhaa keessaa baafamaniiru. Har’a ganamas maatiin dhaqee yeroo gaafatu deebii ‘as hin jiran’ jedhu argatan. Poolisootni achi jiran [qondaalotni ABO kunniin] eessa akka jiran hin beeknu jedhu.”

Qondaalotni mana hidhaa qajeelcha poolisii Buraayyuu irraa dhabaman kunniin Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Lammii Beenyaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaati.

Baatii Guraandhala keessa miseensa gumii shanee ABO kan ta’e Kennasaa Ayyaanaa dabalatee aanga’oonni olaanoon Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa keessatti dhukkubasatanii argaman afur ( Kennasaa Ayyaanaa,Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaa) wal’aansa hatattamaa dhoowwamuu Addis Standard dubbi-himaan ABO Lammii Gammachuu wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.