Oduu: Hojjettoonni mootummaa godina Haadiyyaa hiriira mormii gaggeessan; Tarkaanfii poolisiin fudhateen namoota sadi irratti miidhaan gahe

Magaalaa guddoo godina Haadiyyaa, Hosaa’inaa. Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Ebla 20/2023 – Naannoo Kibbaa, godina Haadiyyaa, aanaa Misraaq Baadewaachoo hojjettoonni mootummaa sababa harkifannaa miindaa ji’aatiin mormii gaggeessaa jiru. Adeemsa hiriira mormii kana keessatti tarkaanfii poolisiin mormitoota bittinneessuuf fudhateen namoonni sadii poolisiin reebamanii gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

Jiraataan godinichaa fi hojjetaa mootummaa mormii kana keessatti hirmaachaa jiru maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti, ji’oota sadan darbaniif miindaan hojjettoota mootummaa godinicha keessa jiraniif hin kaffalamiin jira. 

Hojjettootni mootummaa godinichaas harkifannaa miindaa kana mormuun miindaan isaanii yeroon akka kaffalamu mormiidhaan gaafataniiru.

Akka hojjetaan mootummaa Addis Standard dubbise ibsutti, “rakkoon miindaa waliin walqabatu kun hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Hosaa’inaa keessatti hojjetaniif yeroon miindaan isaanii kaffalamaafi jiru irraa kan hafe aanaan 13 fi bulchiinsa magaalaa sadii keessatti, addatti ammoo aanaa Baadewaachoo Bahaa fi Lixaa keessatti miindaa isaanii yeroon osoo hin kaffalamiif ji’a sadii ta’eera,” jedhe. 

Kibxata, Ebla 13 irraa eegalee guyyoota sadan darban keessa jiraattonni aanaa Baadewaachoo hiriira mormii gaggeessuun rakkoo dhimma harkifannaa kaffaltii miindaa waliin walqabatu gaafataniiru. Akka namni hiriira mormii kana irratti hirmaate kun jedhutti, mormitoonni hiriira isaanii irratti mootummaa naannichaa fi godina Haadiyyaa miindaa isaanii yeroon akka kaffaluuf gaafachaa turan.

“Hiriirtonni daandii Finfinnee irraa gara Arbaa Minciitti geessu cufanii mormii taasisaa turan. Garuu har’a eegalee poolisoonni naannichaa karaa bansiisaniiru,” jedhe hojjetaan mootummaa hiriira kana irratti hirmaate ture.

Akka namni kun jedhutti, adeemsa hiriira mormii kana keessatti tarkaanfii poolisiin mormitoota bittinneessuuf fudhateen namoonni sadii poolisiin reebamanii gara hospitaalaatti geeffamaniiru. 

Kana malees, aanaa Misraaq Baadewaachoo magaalaa Shonee keessatti tarkaanfii poolisiin taate kana tasgabbeessuuf fudhachaa tureen keessatti “poolisii tokko rasaasa ofii isaatiin miidhame jira.” 

Hanga ammaatti gaaffilee gaafataman deebi’u baataniis yeroo ammaa kana hiriirri aanaa Baadewaachoo keessatti gaggeeffamaa ture dhaabbatee, nageenyi deebi’uu fi jiraattonni gara sochii idilee isaanitti deebi’u hime. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.