Oduu: Mootummaan sababa rakkoo nageenyaatiin Wallagga misoomsuu rakkateera: MM Abiy Ahmad

PMNO Shimallis Abdiisaa fi MM Abiy Ahmad (Suuraa: Waajjira Ministira Muummee)

Finfinnee, Ebla 20/2023 – Sababa rakkoo nageenyaa hammaataatiin mootummaan piroojektiilee misoomaa godinoota lixa Oromiyaa keessumaa godinoota afran Wallaggaa keessatti egalaman raawwachiisuu dadhabuu muummichi ministeeraa Abiy Ahmad fi pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa waltajii marii hawaasa Wallaggaa wajjiin magaala Naqamteetti Ebla 19, 2023 gaggeeffame irratti ibsan.

Piroojektiiwwan adda addaa kan akka misooma daandii, elektirikaa, mana barumsaa fi warshaa baajatni qabameefii godinoota afran Wallaggaa keessatti eegalaman sababa rakkoo nageenyaatiin addaan cituu muummichi dubbateera. Akkasumas, hoggantoonni paartii badhaadhinaa dhiibbaa ol ta’an godina Wallagga Bahaa keessatti qofa ajjeefamuus eerameera.

MM Abiy “garee Asmaaraatii deebi’uun qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran karaa nagaatti akka deebi’an” jechuun loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tiif waamicha taasiseera.

“Namoonni yaadaan nurraa adda ta’an guyyaa har’a kaasanii galuu danda’u. Lammaffaa nagaan galanii tarsiimoo isaanii, yaadasaanii ibsachuu danda’u. Yoo baay’ate filannoof kan hafe waggaa sadiidha. Ummata beekaa Wallaggaa kana yaada gaarii qabaatanii amansiisanii jennaan ummanni isaan filachuu danda’a.  Humnaan garuu ta’uu hin qabu,” jedheera.

Rakkoo nageenyaa Wallagga keessa jiruun mootummaan garmalee rakkachuu himeera. Jiraattotni bu’uraalee misooma naannoo tiksuutiin mootummaa akka gargaaran gaafateera. “Hojiin misoomaa akka addaan hin cinneef nu deeggaraa.”

Hoggantoonni mootummaa 100 ol ta’an garee hidhattootaa kanneeniin ajjeefamuu ibsuun garee qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran kanneen piroojektiilee misoomaa barbadeessuu fi lammileen nagaa ajjeesuutiin yakkeera. Misooma barbadeessuunis sirrii miti jedheera.

Piroojeektii ijaarsa daandii magaala Dambi Doollooti gara Gaambeellaa geessu eegalamee ture sababa rakkoo nageenyaatiin kan addaa citee jiru ta’uu pireezidaantiin mootummaa naannoo oromiyaa Shimallis Abdiisaa waltajjiicharratti dabalee dubbateera.

WBOn “karaa nagaatiin akka galu” waamicha irra deddeebiin haa taasisu malee tarkaanfiin qabatamaa mootummaan Itoophiyaa fudhate tokkoyyuu hin jiru. Hoggantoonni WBO gama isaaniitiin waamichi marii mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiru haqa qabeessa miti jechuun walii galtee waraana dhaabuu qaama sadaffaa hirmaachisee irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.