Oduu: Barreessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guteereez gara Tigraay akka hin imalle dhorkamuu odeeffannoon miliqee bahe ibse

Finfinnee Ebla 19/2023 – Barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez gara naannoo Tigraay akka hin imallemootummaa Itoophiyaatiin dhorkamee kan ture ta’uu odeeffannoon dhaabbata basaasaa Ameerikaatii miliqee bahe mul’isuu Waashingtan Poost gabaaseera. 

Guteereez yeroo Itooophiyaa turetti gara naannoo Tigraay deemee aanga’oota naannichaa qunnamuu akka barbaadu gaafatus mootummaan Itoophiyaa garuu gaaffisaa kuffisuusaatti garmalee kan mufate ta’uu hoggantoota mootummoota gamtoomanitti himee ture jechuun odeeffannoo miliqee bahe kana wabeeffachuun gabaasni kun beeksiseera.

Guteereez gaaffii gara Tigraay imaluu kan kaase erga waliigalteen waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi loltoota naannoo Tigraay gidduutti mallatteefamee boodadha.

Akka gabaasa Waashingitan Poostitti, Guteereez kan dhorkame xalayaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqee Mokonnin irraa barreefameen ta’uu addeessuun dhaabbatni mootummoota gamtoomanii dhimmicharratti UNtti ergamaa Itoophiyaa kan ta’e Atsqasillaasee Amdee waamanii mari’achuu barbaadanii kan turan ta’u gabaasichi eereera.

Taatee kana ilaalchisee Guteereez hoggantoota mootummoota gamtoomanii fi mootummoota biyyoota garaagaraatiif aariidhaan dubbachuu ibsuun “baroota hojii kootti xalayaan akkanaa naaf barreeffamee hin beeku; inni kuni kan jalqabaati, akkasumas kan dhumaa ta’uus danda’a. Dammaqaanis xalayaa ergaa akkanaa qabu lammaffaa barreessuuf carraa biraa hin argatu” jechuu isaa ibsameera.

Barreessaan Olaanaa UN kun walgahii hoggantoota Afrikaa booda gara Niiwyoorkiitti erga deebi’ee booda ibsa hoggantoota mootummoota gamtoomaniitiif kenneen taatee kanaan walqabatee Muummichi Ministira Itoophiyaa Abiy Ahmad dhiifama kan gaafateen ta’uus odeessuu gabaasichi ifoomseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.