Oduu: Qondaalota olaanoo ABO qajeelcha poolisii Buraayyuutti hidhamanii jiran torba mana hidhaa keessaa dhabaman

Suuraa: Qondaalota ABO qajeelcha poolisii Buraayyuutti hidhamanii turan keessa muraasa

Finfinnee, Ebla 19/2023 – Qondaalota olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gara waggoota sadiif manneen hidhaa garagaraa keessatti hidhaatti dabarsanii fi yeroo ammaa Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuutti argaman torba kaleessa Ebla 18 galgala irraa eegalee bakka hidhamanii argamanirraa dhabamuu itti gaafatamaan sab-qunnamtii ABO Lammii Gammachuu Addis Standarditti himeera. 

Qondaalotni mana hidhaa qajeelcha poolisii Buraayyuu irraa dhabaman kunniin Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Lammii Beenyaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaati. 

Akka Lammiin jedhutti, qondaalotni kunniin kaleessa galgala booda mana hidhaa keessa turan keessaa baafamuun yeroo ammaa kana bakka buuteen isaanii dhabameera. 

“Galgala maatiin nyaata geesseefi deebi’e. Sana booda mana hidhaa keessaa baafamaniiru. Har’a ganamas maatiin dhaqee yeroo gaafatu deebii ‘as hin jiran’ jedhu argatan. Poolisootni achi jiran [qondaalotni ABO kunniin] eessa akka jiran hin beeknu jedhu.”

Qondaalotni ABO hidhamanii jiran kunneen dhibeewwan mana hidhaa keessatti isaan mudateen walqabatee haalli fayyaa isaanii rakkoo keessa waan seeneef yaalamuu akka danda’an gaafatamaa tureera.

Baatii Guraandhala keessa miseensa gumii shanee ABO kan ta’e Kennasaa Ayyaanaa dabalatee aanga’oonni olaanoon Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa keessatti dhukkubasatanii argaman afur ( Kennasaa Ayyaanaa,Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaa) wal’aansa hatattamaa dhoowwamuu Addis Standard dubbi-himaan ABO Lammii Gammachuu wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Ebla 11 baaseen, hogganoota fi qondaalotni dhaabichaa gara waggoota sadiif manneen hidhaa garagaraa keessatti hidhaatti dabarsan kunniin haalli fayyaa isaanii guyyaa irraa gara guyyaatti sadarkaa yaaddeessaatti deemaa jira jedhe.

Qondaalotni mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti argaman, gariin isaanii dhibeelee adda addaa yoo waldhaansa ga’aa fi hordoffii malu hin arganne lubbuu isaaniif sodaachisuun qabamuu kan eere ABOn, dhukkuboota kana keessaa inni tokkoo fi ulfaataan dhibee Tiruu ‘Hepatitis Viral’ jedhamu yoo ta’u, Abdii Raggaasaa fi Gadaa Gabbisaa dhibee kana baatanii hidhaa keessatti ittiin rakkataa jiraachuu ibse.

Kanaan alatti ammoo Kennasaa Ayyaanaa dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhibee dugdaan akka malee kan dhukkubsataa ture yoo ta’u, erga yeroo dhihootii haala qorra mana hidhaa irraa dhibeen dugda isaa itti hammaachuu fi dhibee Diiskii godhatuu irraa sadarkaa of danda’ee deemuu dadhabuu irra ga’ee haala yaaddessaa keessa galee jira jedhe, ABOn.

Abdii Raggaasaan dhuma baatii Amajjii bara 2019 kan hidhame, Mikaa’el Booranii fi Kennasaa Ayyaanaa ammoo Waxabajjii 30,2020 ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee mana jireenyaa isaanii keessaa kan waliin qabaman, Gadaa Oljirraa (PhD) Mudde 20,2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame, Daawit Abdataa fi Lammii Beenyaa Adoolessa 12,2020 kan hidhaman, akkasumas Gadaa Gabbisaa Bitootessa 19,2021 kan hidhaman manni murtii irra deddeebiidhaan bilisa isaan baasuus mana hidhaa keessatti argamu.

Qondaalotni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kunniinis seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, manneen murtii kan sadarkaa adda addaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban waamicha dhiyeessaa turaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.