Finfinnee – Artisti Zarihuun Wadaajoon abbaa isaa obbo Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Aadde Zawudituu Makkoo Soolan irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1952 dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa mana barumsaa Li’ilt Tsahaay Qassoo fi magaalaa Gimbiitti mana barumsaa Dajjaazmaach G/Igzihaabiheeritti barate. Barmoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinnee mana barumsaa Addis Katamaatti barate.
Artist Zarihuun Wadaajoo seenaa qabsoo Oromoo keessaatti umrii isaa ijoolummaa irraa qabee hanga umrii mangudummaatti wareegama ulfaataa baase. Qooda qabsoo isarraa eegamu bahachuun wareegama qaamaa qalbii hanga wareegama lubbutti of kennuun qabsaawaa ture. Addatti afaan aartiin bara jireenyaa isaa keessatti artistii gabrummaa balfee ejjannoo hin jabaan qabaasaawaa ture darbee dha.
Artistiin kun qabsaa’aa, weellisaa gameessaa fi jaalatamaa sagalee kiloolee uumaan isa badhaaseen bara dargaggummaa isaa irraa eegalee artiin Oromoo akka guddatu, uummata Oromoo dammaqsuun tokkummaafi sabboonummaan isaa akka jabaatuufi gabbatu taasisan keessaa tokkoodha. Artisti Zarihuun Wadaajoo yeroo haalli akka har’aa hin mijannetti jaalala artii Oromoofi uummata isaaf qabu irraa ka’uun aartiin Oromoo akka dagaaguu fi tokkummaan Oromoo akka jabaatu aarsaa guddaa kaffaluun gahee isaa bahachaa tureera.
Ijoollummaa isaan sirboota aadaa fi warraaqsaa weellisuun kan beekamu, sirnoota Dargii fi ADWUI keessatti dhiibbaa fi dhiittaa irra gahaa ture doorsisa, hidhaa fi reebichaaf osoo hin jilbiiffatin, akka qabsaawaa tokkootti obsa fi murannoo horachuun nama qabsoo Oromootti cichee dha.
Zarihuun jireenya ijoollummaa isaa bakkoota garaagaraatti dabarse. Yeroo barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa barachaa turetti barumsaan isaatiin cinattis umurii ijoollummaan qabsoos eegalee ture. Keessumaa, yeroo sanatti Naannoo Mandiitti qabsoo ‘Ye Gubboo Xaaxaa Ke Mandii Yiwuxaa’ jedhuun kan gaggeeffamaa ture warra qindeessaa turan keessaa tokko ture. Zarihun umuriidhuma dargaggummaa kanaani hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argate irratti uummata biraan gahuu kan jalqabe.
Weellisaa Zarihun nama waggoota 45 niif hojii aartii keessa turuun sirboota ergaa jajjaboo qabaniin ummata Oromoo bohaarsaa fi dammaqsaa tureera. Sirboota isaa keessaa “Halaalaa halaalaa; Yaa Shaggee Soofumar; Iyyaasee fi kan biroo hedduun Oromoo dammaqsaa kan ture Zarihun nama umurii isaa guutuu Oromoof jiraatedha. ‘Injiraan mataakoo maalumaaf na nyaattaa, sii obseen dadhabe follokseen si gata’ jedhu waltajjii bulchaan godina kutaa Wallaggaa Nugusee Faantaa irratti argmetti sirbuun hidhaaf isaa ga’ee ture.
Baay’ina sirbootaa dimshaashaan qeenxee 120 Albama ykn Kaaseta 10 sirbeera. Sirboota namoota biraa waliin sirbe keessaa, “Wal malee maal qabna?” Artist Ilfinesh Qannoo waliin sirbeera. Sirboota artistoota biroof kenne keessaa, Artist Abbitoo Kabbadaaf “Mee chim chim goona, Ijaan nalaalte, Siddisee, Kan laga yaa’u bishaan” fi kkkf kenneera.
Bara 1960moota gara dhumaa Baandii Guddattuu Wallaggaa bakka bu’uun artistoota akka Ilfinash Qannoo, Abbitoo Kabbadaa, Ittaanaa Tolasaa, Solomoon Dannaqaa fi kan biroo waliin ta’uun sirboota ergaa jajjabaa qabaniifi Oromoo dadammaqsan sirbaa turani. Sirboota yeroo sanatti artistoota biroo kan akka Ilfinash Qannoofaa waliin sirbe keessaa ‘Nuwaliin dhaadanna, walmalee maal qabnaree’; Koottu aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa, Tuufoo bubuqqifnaa cobasaati balleessaa lafasaa birqiidha kanaaf tuufoo baasa, …” jedhan jaalatamummaa guddaa kan isaaf argamsiisanidha. Akkasumas, bara 1968 Galma Tiyaatira Biyyoolessaatti agarsiisa artiifi aadaa Oromoo yeroo jalqabaaf dhiyaate irratti artistoota kutaalee Oromiyaa garaagaraa irraa dhufuun hojii artii Afaan Oromoo dhiyeessan keessa tokko ture.
Hojiin aartii guyyaa sana dhiyaates uummata Oromoo walbarsiisuu, dadammaqsuu fi tokkummeessuu irratti gahee guddaa taphateera. Waltajjichaan boodas Zarihun mootummaa Dargiin hidhamee ture. Mootummaa Dargiin hidhamuun garuu artistoota akka Zarihun faa fi waahillan isaa ittumaa jabeesse malee duubatti hin deebifne. Zarihuun tokkummaan icciitii injifannoofi qoqqoodamuun daandii kufaatiifi injifatamuu ta’uu sirboota isaa ergaa jajjaboo of keessaa qabaniin ‘ani ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa’ jechuun weelliseera.
Kufaatii sirna Dargii boodas sirboota qabsoo uummata Oromoo caalaatti finiinsan, tokkummaa Oromoo cimsanii fi gara injifannootti isa geessan akka ‘Ani hin duune dhalootan guddisa; Ani ilma gandaa mitii gandaan na hin waaminaa’ jedhuu fi kan biroo sagalee isaa kiilolee saniin weellisaa ture.
Zarihuun jalqaba bara 1990’otaa keessa haadha warraa isaa Olaantuu Gammachuu waliin wal fuudhuun ijoollee sadii waliin horatan; abbaa dubara lamaa fi dhiira tokkoti.
Qabsaa’aa fi artistii beekamaa Oromoo Zarihuun Wadaajoo erga fayyaa dhabee yeroo dheeraaf hospitaala biyya keessaa fi alaatti yaalamaa turee booda guyyaa Ebla 22, 2023 umrii 71ffaatti du’aan addunyaa kanarraa boqoteera.
Addi Bilisummaa Oromoo ibsa gaddaa baaseen, “du’aan boqachuu Artistii fi Qabsaawaa Oromoo Artist Zarihuun Wadaajoo yeroo dhageenyutti gadda akkaan ulfaatatuu nutti dhagahame. Artist Zarihuun wadaajoo Goobanaa seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti umrii isaa dhiiga ijoolummaa itti hobbaafachuu irraa qabee hanga umrii mangudummaatti wareegama ulfaataa baase. Qooda qabsoo isarraa eeggamu bahachuun wareegama qaamaa qalbii hanga wareegama lubbutti of kennuun qabsaawaa ture,” jechuun maatii, firoottan fi wahilan isaa fi akkusumaa uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawweera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa gaddaa baaseen, “Du’aan addunyaa kanarraa boqochuun artistii keenya gameessa Zarihun Wadaajoon gaddi guddaan kan natti dhaga’ame ta’us artist Zarihuun Wadaajoo nama uummata isaaf hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan ta’eef hojiifi maqaan isaa bara baraan dhalootaan yaadatamaa jiraata. Zarihun nama takkaa jireenya dhuunfaa isaa hin jiraanne uummata isaaf jiraateedha. Nama gidiraan isaa fi uummata isaarra ga’aa ture duubatti hin deebifneedha,” jedheera. AS
Yaadannoo Gulaalaa: Seenaa gabaabaan kun ibsa ABO fi Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa walitti qabamee barreeffame