‘Inyaa Lanyaa Basiddat’: Dhaabbata dubartoota gadadoo biyyoota Bahaa Giddu-galeessaa deessuun gara biyyaa deebi’an gargaaraa jiru

Dubartootni biyyoota Bahaa Giddu-galeessa kan akka Saa’udi Arabiyaa, Yaman, Oomaan fi Libaanoos irraa gara biyya isaanitti deebi’an mana barumsaa ogummaa ‘Inyaa Lanyaa’ keessatti barnoota ogummaa Dizaayinii Uffataa bilisaan fudhachaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 27/2023 – Dhaabbatni tola ooltummaa Inyaa Lanyaa Basiddat (Egna Legna Besidet) jedhamu bara 2009 ALI lammiilee Itoophiyaa biyya Libaanoos keessa hojjettuu manaa ta’aniin kan hundeeffame fi hojjettoota manaa biyyoota Bahaa Giddu-galeessa (biyyoota Arabaa jedhamuun kan beekaman) keessa jiraatan gargaaruuf kan dhaabbatedha. 

Dhaabbatichi erga hundeeffame waggoota jahaan darban keessatti gargaarsa namoomaa dhiyeessuu, hojjettoota biyya baqaa keessa hidhaaf saaxilamaniif abukaatoo dhaabuu fi baasii gara biyya isaanitti deebi’an danda’uun dubartoota biyya hambaa keessa hojjettuu  manaa ta’aniif deeggarsa taasiseera.

Waggoota sadan darban keessa lammiilee Itoophiyaa biyya Libaanoos keessatti rakkoo hamaaf saaxilamanii turan 800 baasii isaanii danda’uun gara biyya isaanitti akka deebi’an kan taasisan yoo ta’u, dubartoota Itoophiyaa biyyattii keessatti hidhaaf saaxilamanii turan 200 oliif abukaatoo seeraa dhaabuun dubartoota sadi irraa kan hafe gadi lakkifamanii gara biyya isaanitti akka deebi’an taasifamuu odeeffannoon dhaabbaticha irraa argame ni mul’isa. Adeemsi seeraa dubartoota sadi ammallee kan itti ta’uus eerameera.

Bara 2014 ALI irraa eegale waajjira isaa Itoophiyaa keessatti banuun socho’uu kan eegale dhaabbatni Inyaa Lanyaa Basiddat, dubartootni biyyoota Bahaa Giddu Galeessa keessa rakkoo hamaa arganii gara biyya isaanitti deebi’an erga biyya galan booda garuu carraa hojii dhabuun haalli jireenya isaanii ittiin fufan rakkisaa waan itti ta’uuf deebi’anii gara biyyoota Arabaatti imaluuf dirqamuu isaanii akka rakkootti kaasa. 

“Hoggansa dhaabbata Inyaa Lanyaa Basiddat irratti argamnu hundi ofii keenyaan biyya keenya irraa godaannee mana namaa keessa hojjechaa kan turree waan taaneef, hojjettootni manaa godaansa irraa deebi’an irra deebiin godaanuun fala ta’a jenne hin amannu,” jedha ibsa dhaabbatichi Addis Standarditti erge.

Rakkoo kana furuufis dhaabbatichi kanaan dura manneen barnoota ogummaa dhuunfaa keessatti akka barataniif deeggarsa taasisuuf yaalii godhuus sadarkaa barbaadameen milkaa’uu waan hin dandeenyeef, dhaabbatichi ofiisaa mana barumsaa dubartoota godaansa biyya ambaa irraa deebi’aniif qofa ogummaa rifeensaa fi dizaayinii uffataa barsiisu banuuf murteesse. 

Dubartootni biyyoota Bahaa Giddu-galeessa kan akka Saa’udi Arabiyaa, Yaman, Oomaan fi Libaanoos irraa gara biyya isaanitti deebi’an mana barumsaa ogummaa ‘Inyaa Lanyaa’ keessatti barnoota ogummaa rifeensa namaa tolchu bilisaan fudhachaa jiru

Haaluma kanaan mana barumsaa ogummaa ‘Inyaa Lanyaa’ jedhamu magaalaa Finfinnee keessa banuun yeroo ammaa kana barattoota 200 ol galmeessuun barsiisaa jira. Barattootni ogummaa barachaa jiran kunneen dubartoota Libaanoos, Saawudi Arabiyaa, Emireet, Oomaan fi Yaman irraa deebi’an yoo ta’an, barnoonni ogummaa kun bilisaan kennamaafi jira. 

“Qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu Itoophiyaa keessatti argaman dubartootni kun biyya isaanitti hojjatanii akka of jijjiiran furmaata laachuuf dirqama qabu,” kan jedhu dhaabbatichi, mootummaa dabalatee qaamni hawaasaa hundu gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha taasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.