Oduu: Raashiyaan barattoota Itoophiyaa irraa fudhattu dachaa sadiin dabaluuf waadaa galte

Finfinnee, Adoolessa 27/2023 – Yaa’ii Raashiyaa-Afrikaa biyya Raashiyaa magaalaa Seent Pitarsbargiitti har’a eegaluun cinaatti Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin masaraa isaanii Konstaantinoovskiiti Muummichi Ministeera Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin mari’atan. 

Yaa’iin Raashiyaa-Afrikaa har’a gaggeeffamu eegale kun hoggantoota biyyoota Afrikaa fi aanga’oota Raashiyaa walarganii akka mari’atan carraa baneera. Haaluma kanaan Roobii darbe Pirezidaantii Raashiyaa Putiin marii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin taasisan irratti, Raashiyaan barattoota Itoophiyaa irraa dhufaniif carraa barnoota dachaa sadii ol akka dabaltuu fi baasii barnoota isaanii akka dandeessu eeraniiru. 

Kana malees, biyyoota Afrikaaf deeggarsa midhaan nyaataa bilisaan kan taasistu ta’uu waadaa galaniiru.

Putiin yeroo dhumaaf Muummicha Ministeera Itoophiyaa waliin kan wal argan walgahii jalqabaa Raashiyaa fi Afrikaa bara 2019 magaalaa Sochiitti gaggeeffameen ture.

Walgahiin Raashiyaa-Afrikaa lammataa fi waltajjiin diinagdee magaalaa Seent Piitarisbargitti Adoolessa 27-28 gaggeeffamu dhaadannoo “Nagaa, Nageenyaa fi Misoomaaf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.

Hoggantoonni walgahii kan irratti hirmaatan yaa’ii Raashiyaa-Afrikaa bara 2019 gaggeeffame irratti hirmaatan waliin yoo ilaalamu lakkoofsi isaanii 43 irraa gara 17 gad bu’eera. Gorsaan Dhimma Alaa Pireezidant Putiin kan ta’an Yuurii Ushaakov akka jedhanitti, hoggantoonni biyyoota 17 qofti walga’ii kana irratti kan hirmaachuu fi biyyoonni Afrikaa biroo 32 ammoo qondaaltota mootummaa olaanoo ykn ambaasaaddarootaan bakka bu’amuu ibsaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.