Dhugaan suur-sagalee qonnaan bultoota godina Jimmaa yeroo hiraarfaman agarsiisu duuba jiru maali?

Itti gaafatamaann paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa qonnaan bultoota sadiitin akka jilbeeffatan yeroo ajajan, Suuraa: Miidyaa hawaasaa

Finfinnee, Adoolessa 28/2023 – Tibbana suur-sagaleen qonnaan bultoota afur uffata isaanii akka baafatanii fi akka jilbeeffatan godhamuun hiraarfamaa jiran agarsiisu marsaalee hawaasaa gubbaatti qoodamuu hordofee fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa garagaraa biratti dheekkamsa kaaseera. 

Yoomeessa suur-sagalee kanaa maal akka ta’e baruuf yaalii Addis Standard taasiseen, taateen kun Adoolessa 15, 2023 godina Jimmaa aanaa Geeraa bakka Boorcoo Deekaa jedhamuun beekamutti kan raawwatame ta’uu mirkaneesseera. 

Qonnaan bultootni gibira lafaa kaffalaniif nagahee akka isaanif kennamuuf gaaffii dhiyeeffataniif bulchiinsa aanichaa irraa deebii qajeeltoo waan hin arganneef komii qaban bulchiinsa aanichaaf dhiyeeffachuun isaanii aanga’oota aanichaa dheekkamsiisuun qonnaan bultoota akka dararamaniif sababa ta’uu jiraataan aanichaa Addis Standard dubbise himeera. 

Suur-sagalee bal’inaan qoodame kana keessatti qonnaan bultoonni afur namoota margarra taa’an fuuldura dhaabbatanii mul’atu. Qonnaan bultootni afran keessaa tokko kan ta’an Raayyaa Abbaa Olii namoota isaan fuuldura jiraniif komii isaanii yeroo ibsatan ni mul’atu. 

Maanguddoon kun osoo komii isaanii ibsachaa jiranii ajajni nama tokko dabarseen akka callisan yeroo godhaman, boodarra fuula kaameraa duuba uffata isaanii akka baasan yeroo qajeelfaman dhagahama.

Jiraataan taatee kana dhiyeenyaan hordofaa ture Amaar Tamaam yaada Addis Standarditti laateen namni suur-sagalee kana irratti ajaja dabarsaa turan hogganaa nageenyaa aanaa Geeraa kan ta’e Dinqaa Abbaa Olii jedhamu ta’uu himeera. 

Qonnaan bulaa maanguddoo Raayyaa Abbaa Olii jedhaman uffata isaanii akka baafatan erga ajajaman booda utuu baayʼee hin turiin sagalee reebicha kan dhagaʼamu yoo taʼu, namoonni achitti argaman garagalanii yeroo ilaalan ni mul’atu. 

Boodarra itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa aanaa Geeraa Awwal Jihaad qonnaan bultoota sadan hafan akka jilbeenfatan kan ajaje ta’uus qonnaan bulaa tokko Abdii Tamaam jedhamu jilbeeffachuu diduu hordofee aanga’aan kun dhiitichaan rukutuuf yaaleera. 

Akka Amaar Tamaam jedhutti, qonnaan bultoonni nagaheen kaffaltii gibiraa akka kennamuuf gaaffii bulchiinsa godina Jimmaatti dhiyeessan “gaaffii qajeeltooti malee kan isaan himachiisu miti,” jedhe.

“Suur-sagaleen kun aanga’oota aanichaatin itti yaadame qonnaan bultoota qaanfachiisuuf kan gadhiifameedha” jedhe. 

Suur-sagaleen kun miidiyaa hawaasaarra erga tatamsa’e booda Bulchaan Aanaa Geeraa Hawwii Sa’id taate kana ilaalchisee karaa fuula feesbuukii isaanirratti ibsa kennaniiru. Ibsa kanaanis, “gochi kun karaa kamiinuu sona ummata Oromoos ta’e kan dhaaba siyaasaa isaanii bakka kan hin buune ta’uu” ibsaniiru. 

Dhimma kana irrattis qorannoo walabaa ta’e gaggeeffamaa akka jiru fi bu’aa qorannoo isaa akka ibsanis waadaa galaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Geeraa Obbo Amiin Kamaal, yeroo ammaa kana qondaaltonni dhimma kana keessa hirmaatan to’annoo jala akka oolan taasifamu Addis Standarditti himaniiru. Kana malees, “qaamoleen yakka kana irratti hirmaatan hunda gaafatamaa taasisuuf hojjechaa jirra,” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.