Oduu: Seenetiin Ameerikaa Itoophiyaatti Ambaasaaddara biyyattii Pireezdaant Joo Baayidaniin filatame raggaasise

Ambaasaaddar Erviin Joozee Maasingaa

Finfinnee, Adoolessa 29/2023 – Seeneetiin Ameerikaa dippilomaatiin Erviin Joosee Maasingaa jedhamtu Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa ta’uu isaa sagalee Adoolessa 27 kennameen raggaase.

Ambaasaaddar Erviin, kanaan dura Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan turte Geetaa Paasii waggaa tokko osoo hin tajaajiliin Guraadhala 2021 erga kaafamte booda ambaasaaddara jalqabaa Itoophiyaatti muudame ta’eera. 

Ergasii Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu sadarkaa ambaasaaddarummaan gadi ta’een [Chargé d’Affaires ad interim] Ambaasaaddar Tereesii Ann Jaakobsaniin bakka bu’amaa ture. 

Ambaasaaddar Maasingaan baatii Amajjii keessa Itoophiyaatti ambaasaaddara akka ta’uuf Pireezdaant Joo Baayidaniin kaadhimame. Ergasii as yaada kaadhimaa isaa Caamsaa 16 koree hariiroo alaa Seenetii duratti kan dhiyaate yoo ta’u, Waxabajjii 01 koree kanaan fudhatama argateera. Sana booda Adoolessa 27 Seeneetiin Ameerikaa guutuun raggaasifame. 

Ambaasaaddar Maasingaan kanaan dura Sudaan fi Giinii keessatti itti aanaa hogganaa ergamaa Imbaasii Ameerikaa ta’uun tajaajileera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.