Oduu: Lammiileen Keeniyaa Sudaan keessa barachaa turan karaa Itoophiyaa bahan; Lammiileen Naayijeeriyaas karaa kanaan ba’uuf qophii xumuruu beeksisan

Lammileen Turkii Dilbata darbe magaalaa Kaartumitti biyyaa bahuuf yeroo eegaa jira, Suuraa: Omer Erdem/Anadolu Agency

Finfinnee, Ebla 24/2023 – Guyyoota dhuma torban darbe keessa biyyoonni hedduun dippilomaatota fi lammiilee isaanii Sudaan keessaa baasuuf ariifachuun isaanii hubatameera. Miidiyaaleen biyyoota kanaa tattaaffii lammiilee isaanii baafachuuf taasisaa jiran keessatti tumsa Itoophiyaa argachaa akka jiran gabaasaa jiru. Torban darbe mootummaan Ameerikaa lammiilee isaa Sudaan keessaa baasuu beeksiseera. Kanaaf immoo tumsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Sa’udii Arabiyaa godhaniif galateeffateera.

Gaazexoonni biyyattii akka gabaasanitti mootummaan Keeniyaa lammiilee isaa Sudaan keessatti barachaa turan gara dhibba tokko ta’an karaa daangaa Itoophiyaan biyyaa baase. Gabaasni lammiileen Keeniyaa karaa Gondar akka bahan beeksisan seenaa Keeniyaa keessatti hojii lammiilee baay’ee baraaruun hojjetame jechuun jajataniiru.

Gama biraatiin lammiileen Naayijeeriyaa Sudaan keessatti barnoota isaanii irratti hirmaachaa turan rakkoo biyyattii keessa jiru jalaa baqatanii gara Itoophiyaa seenuuf qophii isaanii xumuruu beeksisaniiru. Dhaamsa Waldaan Biyyoolessaa Barattoota Naayijeeriyaa ergeen, barattoonni Sudaan keessa jiran magaalaa Gadaarif bakka sadiitti akka walitti qabaman, sana booda gara Itoophiyaatti imaluu akka qaban dhaameera.

Ibsa mootummaan Naayijeeriyaa dhimmicha irratti baaseen barattoonni kunneen mana keessa akka turanii fi sochii tokkollee akka hin goone dhaame. Imbaasiin Naayijeeriyaa Sudaan jiru gara naannoo daangaatti imaluun balaa akka qabu akeekkachiisuun, lammiilee isaa baafachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibseera.

Ministirri Muummee Jaappaan ibsa har’a ganama gaazexeessitootaaf kennaniin mootummaan isaanii biyyoota biroo waliin ta’uun lammiilee kana nagaan akka baafatan waadaa galaniiru. Gama biraatiin mootummaan Faransaay lammiilee isaa gara dhibba tokkoo Sudaan keessaa baasuu beeksiseera. Faransaayiin alattis qondaaltonni Gamtaa Awurooppaa akka gadhiisan beeksiseera.

Rakkoon Sudaan keessatti torban tokkoo oliif deemaa ture ollaa ishee yaaddesse qofa osoo hin taane xiyyeeffannoo biyyoota humna qaban hawwachuu isaa ni yaadatama. Akka xiinxala ejensiin oduu Rooyitars gabaasetti ollaan Sudaan fi biyyoonni humna guddaa qaban sababa mataa isaaniitiin haala kana itti dhiyeenyaan hordofaa jiru. 

Fedhiin Masriin bishaan laga Abbayyaaf qabdu, dhimma ujummoo boba’aa Sudaan Kibbaa, mootummaan Sudaan biyyoota humna qabaniin boca akkamii akka ijaaramu, sodaa biyyoonni Awurooppaa baqattoota ta’anii nutti dhufuu danda’u jedhu qaban, fi kanneen biroo yaaddoo bal’inaan ka’aa jiraniidha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.