Oduu: Itoophiyaan bara 2022tti waraanaaf dolaara biliyoona tokko baasuu ibsame; baasiin waraanaa biyyattii dhibbeentaa 88n dabaleera

Finfinnee, Ebla 24/2023 – Odeeffannoo Dhaabbanni Qorannoo Nageenya Idil Addunyaa biyya Siwiidinitti argamu baase akka mul’isutti, Itoophiyaan bara 2022 waraanaaf doolaara biliyoona tokko baastee jirti. Kunis kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 88n dabaluu isaa dhaabbatichi beeksiseera.

Akka dhaabbatichi jedhutti daballiin kun waraana biyya keessaa biyyattiin bara darbe humnoota Tigraay waliin taasifteen kan wal qabatedha.

Walumaagalatti baasii waraanaa bara darbee addunyaa irratti isa olaanaa ta’uu kan agarsiise dhaabbatichi, waggoota saddeet darban keessatti baasii waraanaa biyyoota kanaa walitti aansuun 3.7% dabaluu agarsiiseera. Biyyoota addunyaa keessaa biyyoonni sadeen baasii waraanaa olaanaa qaban Ameerikaa, Chaayinaa fi Raashiyaa ta’uu kan ibse dhaabbatni kun, baasii biyyoota sadan waliigala biyyoota addunyaa keessaa dhibbeentaa 56 akka uwwisus ibseera.

Akka qorannoo dhaabbatichaa agarsiisutti waggoota saddeet darban keessatti biyyoonni Awurooppaa baasii waraanaa isaanii baay’inaan kan dabalan yoo ta’u, dhibbeentaa 13n dabaluu mul’iseera.

Qorataan olaanaa dhaabbatichaa Naan Tiyaan waggoota dhiyoo asitti baasii waraanaa sadarkaa idil-addunyaatti dabaluu isaa mallattoo tasgabbii dhabuu addunyaati jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.