Kaliifaa Raashiid fi abbaan isaa Giddugala Tiraanzitii Dhaabbata Godaansa Idil addunyaa (IOM) Itoophiyaatti. Suuraa: IOM
Finfinnee, Ebla 24/2023 – Daa’ima waggaa 12 Kaaliif Rashiid jedhamu sababii daddabarsaan namaa seeraan alaa hojii tika gaalaa mindaa gaarii qabu biyya alaatti siin qacarsiisa jedhee waadaa galeefii amansiiseef kibba lixa Itoophiyaa, naannoo Oromiyaa magaala Jimmaa irraa imaluuf daandii baqattoonni gara biyyoota galfaatti imaluuf itti fayyadaman geejjibuu eegale.
“Hiriyoonni mana barnootaa tokko tokko barumsa addaan kutanii badaa jiraachuun nan hubadhe. Eessa akka dhaqan yommuun gaafadhu hojii barbaacha gara biyyoota galfaatti akka imalan natti himame,” jedha haala akkamiitiin manaa bahee akka adeeme yeroo himatu.
“Guyyaa tokko namni ani hin beekne tokko balbala mana barumsaa kootti argamuun nu wajjiin haasa’uu eegale. Saa’udii Arabiyaa hojiin baay’een ni jira nuun jedhe. Ammatti kafaltii homaatuu kan hin qabne nuun jedhe.”
Maallaqa arganna jennee waan hawweef, guyyaa tokko Kaliifaan akkuma mana barumsaatii bahee iddoo walqunnamtii kan daldaaltonni eenyummaansaanii hin beekamne gara daldaalaa biraatti dabarsuuf iddoo itti wal qunnaman dhaqe. Baasii (bus) keessa lixuun namoota biroo wajjiin yeroo xiqqoodhaaf erga geejjibee booda imala miilaanii itti fufe.
Geejjiba karaa dheeraa guyyaa gabaabduutii jedhanii waadaa galaniifis yeroo dhiyoo booda soba ta’u Kaliifaan bare. Gammoojjii hammaataa Affaarii Itoophiyaa miilaan qaxxaamuruun gara Jibuutii ce’uun torbanoota dheeraadhaaf aduu dadabsiisaa keessa taa’uun doonii gara Yaman isa fudhattuu eegachuu qaba ture.
“Geejjiba rakkisaa kan nyaata xiqqoo fi dheebuu baay’ee qabu ture.Yamanitti galuuf ji’a tokko natti fudhate. Kana boodas imala dheeraatu dura koo jira. Yaabii konkolaataa xiqqoo argachuu kootiif carra-qabeessa ta’us karaa irra caalaa namoota biroo wajjiin miilaan imaluun qaba ture,” jechuun haala godaantota karaarratti qunname wajjiin ittiin imale yeroo odeessu.
Kaliifaan harka daldaaltota seeraan alaa kan erga hojii argatee booda maallaqa kaffaluufii qabu hedduu biraan darbeera. Baqattoonni daandii baqannaa bahaatiin gara Biyyoota Galfaa deeman hedduu hin geenye ture. Kaliifaan otuu hin butamin yookimmoo daldaaltoota dhokatanii karaarratti maallaqa gaafataniin otuu hin qabamin darbuusaatiin ni galateeffata.
Abbaa Kaliifaa kan ta’e obbo Rashiid mucaansaa dhabamuu yeroo dhagahuutti ooyruu bunaa hojjachaa ture. Nami umrii 40 kuni buna dhaabun qotee bultoota magaala Xoobaa kan magaala Jimmaarraa fageenya 150 km argamtutti gurguruun jiraata.
“Omishni gahee waan tureef gurguruuf torbanuma xiqqqootu hafee ture. Haa ta’u malee, badiinsa mucaan kootii akkan dhagaheen dhiisee isa barbaacha deemuun ala carraa biraa hin qabuyyuu ture.”
Rashiid mataansaa nama geejjiba sodaachisaa akkanaa wggoota 15 dura godhee gara biyya kan deebi’e waan tureef ilmisaa waan keessa darbaa jiru ni hubate.
“Otuu dogoggorri kuni gatii lubbuu isa hin baasisin argachuun qabaayyu ture,” jechuun hubachiisa.
Maatiisaa hundaa rakkinaaaf saaxiluu fi ilmasaa tokkicha baraaruu gidduutii filachuuf dirqame.
“Inni filannoo ulfaataa turus ilmi kiyya balaa keessa otuu jiruu muka tiksuu hin qabu ture. Isa barbaacha deemuun du’a isa eegatuurraa baraaruun qaba ture,” jedhe.
Gara Yaman imaluuf sangoota isaa lamaan keessa tokko gurguruu qaba ture. “Qarshii 35,000 gurguruun ilma koo hordofuun eegale. Konkolaataa fe’aa yaabbachuun karaa dheeraa imaluun qaba ture. Qarshiin kuni gahaa jedheen yaadeeyyuu ture. Haata’u malee, qarshiin naharkaa waan dhumeef Yaman keessa konkolaataadhaan geejjibuun isa bira gahuuf birrii dabalataa 10,000 akka naaf erganiin godhe.”
Karaarratti baqattoota rasaasaan rukutamanii kufanii turan arguu himeera.
Torbanootaaf erga imalee booda, Kaliifaan dhumarratti ilmasaa gara Mootummaa Saa’uudii Arabiyaa imalaa jiru argate. Karaan Kalifaan irra imale karaa daldaaltonni seeraan alaa nama butuun maallaqa guddaa gaafatan baay’inaan itti argaman ture.
“Akkuma guyyoonni dheerachaa deemaniin carraaan Kaliifaa nan argadha jedhuu xiqqaachaa waan deemeef dhumarra akkan argadheen garmaleen gammade. Beela’ee fi dheebotee ture. Akkan arge isa ta’uu amanun dadhabe,” Rashiid jedhe.
Kaliifaa fi Raashiid lammiilee Itoophiyaa dhibbaan lakkaawwaman IOM’n gargaaramanii nagaan gara biyya dhaloota isaaniitti deebi’an keessaa argamu. Suuraa: IOM
Waan wal qunnamaniif kan gammadan ta’us geejjibaa amanamaa hin argatinii fi maallaqa harkaa fixataniif battalumatti gara biyyaa deebi’uu hin dandeenye ture. “Amma lammata murtoo ulfaataatu nu qunname. Qarshii gara biyyaa ittiin imallu waanan harkaa fixeef hojii barbaadachuun yookimmoo filannoo jiruu biraa barbaaduun qaba ture.”
Taateen kuni imala inni gara Saa’uudii Arabiyaa waggoota 15 dura gochuun ji’oota xiqqoof hojjate isa yaadachiisuu hima. Mana isaa citaatiin ijaaramee qorqorrootti jijjiiruuf kan isa gahu walitti qabatee ture.
“Karaan Saa’udii Arabiyaa fi Yaman gidduu sodaachisaa ta’uu waanan dhaga’eef karaa sana imaluuu hin barbaanne.”
Yeroo Yamanii gara biyyaa deeebi’uuf rakkatee ture kanatti ture dhaabba idil addunyaa kan godaantoota gargaaru International Organization for Migration jedhamuun kan wal qunname. Isaan keessaa balallii gargaarsa namoomaatiin godaantonni dhiibbaan lakkaa’aman gara Itoophiyaa deebi’anii ture. Gargaarsi balallii kuni waggaa darbe keessa baqattootai Itoophiyaa naannoo 5,700 ta’an Yamaniitii gara biyyaa deebisee jira.
“Ilma kiyya wajjiin nagaan gara biyyaattii deebi’uu kootiin amma boqodheen jira,” giddudgala dhaabbata baqqattootaa Idiladdunyaa Finfinneetti argamutti Rashiidtu jedhe. “Amma gara qe’ee keenyaa deebi’uu qabna. Anis hojii koo eegaluun qaba. Innis gara barumsaatti deebi’uu qaba. Rakkoo kaa hunda erga argee booda barumsa waan argateef narumsasaattti ni cima jedheen amana. Barumsa yoo dide hojiidhaan na gargaaruu danda’a. murteen kan isaati.”
Kaliifaan rakkoo kana erga argee booda imala kana lammata kan hin yaallee ta’uu dubbachuun rakkoo jiru kanas hiriyootasaa mana barumsaa jiran kan rakkoo kanaaf saaxilamuu danda’anitti nan hima jedheera.
Hubachiisa gulaalaa: Seenaan armaan olii kun jalqaba seenaa himaa IOM irratti maxxanfame.