Oduu: Gamtaan Awurooppaa waldhabdee fi dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru akka isa yaaddeessu ibse

Finfinnee, Ebla 25/2023 – Manni Maree Gamtaa Awurooppaa ibsa kaleessa baaseen Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa keessatti michuu tarsiimoo ijoo Gamtaa Awurooppaa ta’uu ishee ibsuun, gamtichi daandii nagaa waaraa biyyattii irratti tarkaanfii dabalataa deeggaruuf qophii ta’uu cimsee beeksiseera.

Gamtaan Awurooppaa ibsa isaarratti waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay gidduutti Sadaasa 2 bara 2022 mallattaa’e sadarkaa itti fufiinsa qabuun cimsuuf guutummaatti akka deeggaru ibseera. 

Gamtichi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa itti fufiinsa akka qabu taasisuuf hariiroo Itoophiyaa waliin qabu tartiibaan idileessuu fi gara hirmaannaa tarsiimoo guutuu fi cimaa biyyattii waliin taasifamuutti akka deebi’us ibseera. Keessattuu haala sana keessatti itti gaafatamummaa fi haqni ce’umsaa barbaachisaa ta’uu eereera.

Gama biraatiin manni maree gamtichaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti “waldhabdeen hammaataa dhufuu, sarbama fi dhiittaa mirga namoomaa fi jeequmsa uumamuu” ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qabu ibseera. Gamtaan Awurooppaa haala kana itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru fi hatattamaan akka dhaabbatuu fi mariin akka furamu hubachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.