Oduu: Biyyoonni baay’een lammiilee isaanii Sudaan keessaa baasuuf jecha gargaarsa Itoophiyaa gaafachaa jiru

Finfinnee, Ebla 25/2023 – Waldhabdee Sudaan keessatti mudate ammallee hin tasgaboofne. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo ayyaana Iid al-Fxir irra gahame guutummaatti hojiirra ooluu baatus, miidiyaaleen hedduun naannoowwaa muraasatti tasgabbii akka jiru gabaasaniiru. 

Kunis jalqabbii dhukaasa dhaabuu baa’yee daangeffame yoo ta’u, kaleessa jeneraalonni lamaan sa’aatii 72 dabalataaf dhukaasa dhaabuuf waliigaluu isaanii ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan beeksiseera. 

Biyyoonni hedduun ayyaana Iid al-Fixrii waliin walqabatee waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’ameen lammiilee isaanii Sudaan keessaa baasuuf itti fayyadamaniiru. Akkuma gaazexaan ‘Economic Times’ marsariitii isaa irratti dubbisiseen biyyoonni hedduun guyyoota sadan darban keessatti lammiilee isaanii dafanii baasaniiru.

Biyyoonni waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa irra ga’ametti fayyadamuun lammiilee isaanii biyyattii irraa baasuuf tattaaffii taasisaa jiru. Tattaaffii isaanii keessatti maqaan Itoophiyaa yeroo baay’ee ka’a. Miidiyaaleen tokkoon tokkoon biyyaa lammiilee isaanii sababoota adda addaatiin gara Sudaan deeman baafachuuf tattaaffii taasisaa jiran keessatti tumsa mootummaan Itoophiyaa gaafachaa jirra jedhu.

Miidiyaan ‘Anadolu’ jedhamu akka gabaasetti Ministirri Dhimma Alaa Turkiyee Maavlet Kaavusolguu Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonniin waliin waa’ee lammiilee isaanii Sudaan irraa gara Turkiitti baasuun akka danda’amu irratti mari’ataniiru. Lammiileen Turkii Sudaan keessa jiran garee sadiin akka ba’aniif qophiin taasifamuu isaa kan eeru qiindesan oduu kana, gareewwan sadan keessaa lama daangaa Itoophiyaarra akka jiran hubachiisaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Turkiyaa gara Istaanbul akka deemaniif balaliin karaa Itoophiyaa haala mijeessuuf jecha Obbo Demeqaa waliin haasa’uu isaaniis hubatameera.

Miidiyaaleen biyya Gaanaa akka gabaasanitti, qondaaltonni dhimma alaa Gaanaa mootummaa Itoophiyaa waliin ta’uun lammiilee Gaanaa Sudaan keessa jiran karaa Itoophiyaa baasuuf hojjechaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa Rumaaniyaa karaa Imbaasii Itoophiyaa jiruun lammiilee biyya keessaa baasuuf yaalii gochaa akka jiru miidiyaaleen biyyattii beeksisaniiru.

Mootummaan Keeniyaa lammiilee isaa Sudaan keessatti barachaa turan 100 karaa Itoophiyaa Gondariin biyyaa baasuu isaa Addis Standard gabaasee akka ture ni yaadatama.

Gama biraatiin lammiileen Naayijeeriyaa Sudaan keessatti barachaa turan rakkoo biyyattii keessa jiru baqatanii gara Itoophiyaa seenuuf qophii xumuranii akka jiran kan gabaafame yoo ta’u, ibsi mootummaan Naayijeeriyaa dhimmicharratti baase barattoonni mana keessa akka turanii fi hojii kamiyyuu akka hin hojjenne jedherra. Imbaasiin Naayijeeriyaa Sudaan jiru gara naannoo daangaatti imaluun balaa akka qabu akeekkachiisuun lammiilee ishee baafachuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibseera.

Haa ta’u malee lammiileen Naayijeeriyaa akeekkachiisa mootummaa isaanii tuffatanii gara Itoophiyaa seenuuf yaalan karaa Itoophiyaa akka hin seenne dhorkamanii daangaa irra akka jiran miidiyaaleen biyyattii beeksisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.