Oduu: Buqqaatonni Sudaan gara Itoophiyaa baqachuun itti fufeera

Finfinnee, Waxabajjii 09/2023 – Hokkora Sudaanitti itti fufee jiru dheessuun buqqaatonni 700 hamma 1,000 ta’an guyyaa guyyaan karaa Matammaatiin gara Itoophiyaa galaa jiraachuu dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Dhaabbatichi godaantota kanaaf fuufata Matammaa idoo Gaara Maandafroo   jedhamutti bishaan dhugaatii, nyaataa fi tajaajillli fayyaa kennamaa jiraatus dhiyeessiin jiru hamma barbaadamuun wal hin gituu jedheera.

Akka ibsa dhaabbatichaatti, hamma Waxabajii 06, 2023’tti buqqaatonni 41,200 ol ta’an gara kan galan keessaa irra caalaan Itoophiyaanotadha. Buqqaatota keessa 4,000 olii, kola galtoonni fi lammileen gara biyyaa deebi’an 80  kan ta’an buufatuma Matmmaa kanaatti kan jiran yoo ta’u kunimmoo dhibee fi rakkoo nageenyaa birootiif isaan saaxileera.

Akkasumas, dhaabbatichi Itoophiyaanota 19,500 ta’aniif tajaajila geejjibaa keennuun Matammaatii gara qe’eesaanii geggeesuu eereera.

Oduu wal fakkaatuun, ergamaaan addaa mootummoota gamtoomanii Voolkar Parzas mirgi yakkaan gaafatamuu dhabuu irraa kaafamuu miidiyaan idil addunyaa gabaaseera.  Ergamaan Ameerikaa kuni dhimma keessoo Sudaan keessa galuun rakkoo jiru hammeessaa jira jechuun pireezidaantiin mana murtii olaanaa Sudaan Alburhaan torban lama dura  ceephanii ture.

Voolkar Parzas mootummaan Sudaaniin akka hin barbaadamnee fi mirgi yakkaan gaafatamuu dhiisuusaanii kaafamuu karaa ministera haajaa alaatiin ibsanii ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.