Oduu: Baqattoonni waraana Sudaanii gara Itoophiyaa galan 31,000 darbe

Finfinnee Caamsaa 29, 2023 – Hamma Caamsaa 25, 2023’tti baqattoonnii fi godaantonni 31,000 ol ta’an waraana Sudaan baqachuun gara Itoophiyaa galuu gabaasni dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii addeesse.

“Hamma Caamsaa 25, 2023 tti baay’inni namoota daangaa Sudaan qaxxaamuruun gara Itoophiyaa galan 31,074 ta’u. Kanneen keessaa 5,200 namoota koola galtummaa barbaadan yookaan baqattoota Sudaanitti galmaa’aniidha,” gabaasichi jedhe.

Namoonni kunneen karaa Lixa Gondar Matammaatiinii fi Beenishaangul Gumuuz fi Gaambeellaatii gara biyyaa seenan jedhe.

Erga waraanni loltoota humna addaa Sudaanii fi raayyaa ittisa biyyattii gidduutti Ebla 15 egalee jalqabee namoonni miliyoona 1.4 ta’an qe’eesaaniirraa buqqa’anii biyyaakeessaa fi biyyaa alatti kan argamuan ta’uu gabaasichi addeesseera.

Caamsaa 22 irraa eegalee waliigalteen waraana dhaabuu guyyaa torbaa kan godhame ta’uus waraanichi ittuma fufuun hamma Caamsaa 15tti namoonni 700 ol ta’an du’uu fi 5,500 ta’animmoo madaa’uu ministeerrri fayyaa biyyaatii ifoomseera.

Itoophiyaan baqattoota Sudaanota gara biyya biraa imaluuf visaa hin barbaanne simachuuf fedhii kan qabdu ta’uu ibsiteerti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.