Oduu: Rakkoo nageenyaa godina Horro Guduruutti mudateen warshaan Sukkaaraa Fincaa’aa omisha dhaabe

By Abdi Biyenssa @ABiyenssa

Finfinnee Caamsaa 29, 2023 – Haleellaa humnoota mootummaan fi  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa’aa keessatti Caamsaa 20, 2023 uumameen walqabatee warshaan sukkaara Fincaa’aa kan godinicha keessatti argamu qabeeni barbadaa’uu fi saamamuu fi omisha dhaabuu hojjattoonnii warshichaa fi jiraattoonni Addis Standard afaan Oromootti himan.

Warshaan sukkaaraa Fincaa’aa kan godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Ficaa’aatti argamu kuni erga waraanni hamaan guyyaa Caamsaa 20 humnoota mootummaa fi WBO gidduutti godhameen too’annoo WBO jala galuu jiraattonni Addis Standard Afaan Oromootti himanii ture. Guyyaa sanaa eegalee warshichi omisha dhaabee jiraachuu ibsaniiru.

Hojjataan warshichaa maqaansaa akka hin eramne gaafate tokko, “Warshichi omisha kan dhaabe, sababa waraanni humnoota mootummaa fi WBO gidduutti mudatee ture kan maashinoota warshichaa garaagaraa barbadeesseeni,” jedhe.  Konkolaataan warshichaa kudhanii ol ta’an gubachuu hojjatichi dabalee ibseera.

Akkasumas, jiraataan naannoo sanaa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko, “Kompiitarri warshichi oomisha sukkaaraaf oolu garee eenyummaan isaa hin beekamne naannawaa sanaa jiraataniin kan saamame yoo ta’u, kompiitaroota saamaman keessaa muraasni  sosochii hojjatoota warshichaatiin godhameen deebifameera” jedheera.

Jiraataan warshaa sukkaara Fincaa’aa kun itti dabaluudhaan, kompiitarri fi maashinoonni warshichi itti fayyadamu hatamaniis warshichaa akka dhaabbatu kan godhe rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru ta’uu ibseera.

Hojjataan biraa, “Qabeenyi warshaa waraana naannichatti uumameen miidhameera, daataa warshichaas tokko tokko badeera, daataa kanas hojii warshichaa deebisuuf baay’ee barbaachisaadha” jedheera.

Sukkaarri warshichaan oomishamu gareewwan hin beekne naannoo sana jiraniin hatamuu hojjataan kuni mirkaneesseera. Kana malees hojjataan kun,f warshichi akka dhaabbatu kan taasise sababa waraanaa fi rakkoo nageenyaa naannoo sanatti uumameen oomisha dhaabuu addeesseera.

Post Tags
No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.