“Maqaa fooyya’iinsa heera mootummaatiin bu’uurri sirna federaalizimii sab-daneessaa fi biyyattiin gara diigamuutti deemaa jirti”: KFO

Fooyya’insa Heera Mootummaa FDRI Irratti Qorannaa Dhaabbatni Qo’annaa Imaammataa Itiyoophiyaa Taasise Jedhe Ilaalchisee Ibsa Ejjannoo Koongireesii Feedaraalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname

Asii gaditti ibsa guutuu KFOn argadhaa

Finfinnee, Caamsaa 29, 2023 – Dhaabbatni Qo’ataa Immaammataa Itiyoophiyaa jedhamu keeyyattootaafi yaadota utubaa Heera Mootummaa Feedaraalaa Diimookiraatawaa Reeppapilika Itiyoophiyaa (FDRI) ta’an keessaa ofiif filachuun seensasaafi Asxaa dabalatee “Afaan Hojii MFDRI (Keeyyata 5), Aaangoo Birmaduummaa Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itopiyaa (Keeyyata, Ijaarama (Keeyata 31), Mirga Ofiin of Bulchuu (Keeyyata 39), Hundeeffama Naannolee (Keeyata 46), Magaalaa Finfinnee (Keeyata 49) fi Seerummaa Paartilee siyaasaa sabummaarratti hundeeffamanii ilaalchisee fooyya’uu akka qaban qorannaadhaan irra gaheera” jedhee ibsee jira. Koongireesiin Feedaraalawaa Oromoo (KFO)nis dhimma kana xiyyeefannoo addaatiin hordofuun rakkoowwan maaludaa (methodology), yeroomaa, aangoo qaama qo’annoo gaggeesseefi balaa bu’aan dogongoraa qo’annoon kuni fiduu danda’u bal’inaan gamaaggamee jira. Dhaabni keenya yaada hayyoonni seeraa, siyaasaa, seenaa fi kkf dhimicharratti qabaniifi miiraa fi faayidaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattoota biyya keenyaa erga madaalee booda qo’annoon kun fudhatama akka hinqabne ejjanoo qabaachuun yaada furmaataa jedhee amanu waliin akka armaan gadiitti kaa’ee jira.

Qabxiilee Qorannichaa fi Bu’aasaa Fudhatama Dhabsiisan Keessaa:

1/KFOn maaludaa (methodology) qorannoo dhaabbatni kun itti fayyadame dogoggora guddaa qabaa jedha. Jalqabarraa uffisniifi bakka bu’ummaan saamuda qorannoon kun itti fudhatame kan hanqina guddaa qabuufi bu’aa qoranicharra argamu shakkii keessa kan galchudha. Kunis, rakkoo namoota miiliyoona 120 hiikuuf saamuda 1,123 qofa fudhachuun isaa namoota 106,857 keessaa deebisaan nama 1(tokko)qofa akka ta’e yoo hubatamu, dhibbeentaan yoo ilaalamu deebsitootni (respondents) 0.0001% ta’uunsaa amanamummaan bu’aa qorannichaa duwwaa ykn zeerootti hiiqee waan argameefi.

2/Gamaaggama gadifageenya sanada qo’annoo kana irratti gaggeesineen, ilaachi keeyyattoota Heera Mootummaa fooyya’uu qaban jedhaman irratti maqaa qo’annootiin calaqqisiifame kuni bu’aawwan qo’annoo bilisaafi saayinsaawaan argaman osoo hintaane, haata’u jedhamee bu’aa ofii barbaadan akkataa burqisiisuu danda’uun kan bocame ta’usaa hubatameera. Keessumattuu, akkaataa dhaabbanni kun keeyyatoota Heera Mootummaa fooyya’uu qaban jedhee dursee filate; akkaataa gaaaffileen qo’annoof dhiyaatan itti bocamaniifi akkaataa saamuda itti funaannate yoo ilaallu; dhaabbatni kun dhaabbata bilisaa qo’ataa imaammataa osoo hin taane dhaaba siyaasaa yaada gar-tokkee ofii hordofu bu’aa qorannootiin mirkaneesuuf tattaafatu fakkaachuusaa hubanneerra. Heera mootummaa keeyyata 106 qabu keessaa keeyyattootni sirna federaalizimii sab-daneessaaf bu’uura ta’an qofa filatamanii maaliif addatti qorataman kan jedhuuf deebii quubsaa hinkennu. Biyya ummanni %86 jiraataa baadiyyaa ta’e keessatti deebistootni qo’annichaa %79 jiraattoota magaalotaarraa ta’uusaanii; magaalonni saamudni irraa funssname kan guutuu biyyaa bakka hinbuune ta’uunsaanii kanuma mirkaneessa. Kanaafuu qo’annaan kun rakkoo hiikuuf osoo hintaane walitti bu’insa babal’isuuf, tarree hawwii garee tokkoo calaqqisiisuuf sanada siyaasaa qophaa’edha waan ta’eef, KFOn qo’annichaa fi bu’aasaa hinfudhatu; yaada furmaataa qo’annoo kanarratti hirkatee Heera Mootummaa fooyyessuuf dhiyaates dogongora waan ta’eef cimsee balaaleffata.

3/KFOn qo’annoon kun yeroo isaa kan hineegganne jedhee amana. Biyyi keenya waggootii kudhanii asi gaaga’ama siyaasaa cimaaa keessa jirti. Keessumattuu waggoota shanii asi walwaraansa hamaa keessa kan turtee fi ammallee kan itti jirtu ta’uun ni beekama. Bu’urri walwaraansaas kallattii siyaasaa dogongoraa mootummaan Bilxiginna qabateefii sirna Federaalizimii Sab-daneessaa laaffisuun mirgoota ofiin ofbulchuu naannolee danquuf tattaaffiiwwan gaggeefamaa jiranrraa kan burqe jennee amanna. Yeroo akkanaa kana keessatti waa’ee fooyya’insa Heera Mootummaa haasa’uun waraanni jiru akka dhaabbatu osoo hintaane akka cimee itti fufuufi babal’atu daandii saaquu akka ta’e KFOn hubatee jira. Muxannoowwan biyyoota birooorraa akka baramutti, osoo walwaraansi hindhaabbatiin; mariin biyyoolessaa hunda galeessaa gaggeeffamee wantoonni Heera Mootummaa fooyyessiisuu danda’an hin murtaa’iin; fedhii garee yookaan paartii tokkootiin gara Heera Mootummaa fooyyessuutti saffisaan deemuuf haala fakaaatuun qo’annichas ta’ee bu’aansaa yeroo ammaa dhiyaachuunsaa dogongora jedhee KFOn amana.

4/Amanummaa bu’aa qorannoo dhaabbata kanaa kanneen kuffisan qabxiiwwan maaludaa armaan olii akkuma jiranitti ta’ee, bu’aan qorannoo kanarraa argames dogongoraafi qabatama lafa irra jiru kan hin ibsinedha jedhee KFOn amana. Keesumaa argannoon deebisitoota Naannoowwan Amaaraa fi Sidaamaa akka waan Federaalizimii Sab-daneessaa hinfudhannee fakkeeffamee dhiyaate kuni haala qabatamaa amma lafarra jiru wajjin kan walfaallessuudha. Kunis:-

4.1/Humnootni Amaaraa yero ammaa kana sabummaan ijaaramanii filannoorratti hirmaachuun paarlamaa keessatti hammatamanii falmachaa otuu jiranii; gariin isaanii immoo “Mirgi sabummaa keenyaa akka kabajamuuf biyya Amaaraa ijaaranna” jedhanii maqaa “Faannoo” jedhuu fi dhiyeenya kanammoo maqaa “Adda Uummata Amaaraa” jedhuun of ijaaranii bosona galuun lola gaggeessaa otuu jiranii, ‘ijaarsa sabummaa hin deeggaran’ jechuun qoosaadha.

4.2/ Ummanni Sidaamaas mirga naanoo ofii jalatti ofiin ofbulchuu kabachiisuuf barootaaf erga qabsaayee booda waggaa lama dura riifarandamiin mirga falmatee kabchiise haala faallessuun “Mirgi sabootaa Heera Mootummaarraa akka haqamu yaada kenne” jechuun kan dhugaarraa fagaateedha. Kanaafis bu’aa qorannoo kanaa ilaalchisee balaaleffachuun ibsa ejjennoo dhaaba mormituu “Paartii Feederaalisitii Sidaamaa” jedhamuun kenname ilaaluun gahaadha jedha.

5/Akka KFOtti, Dhaabbatni Qo’annoo Imaammataa qaama hojiraawwachiiftuu ta’e kuni, sabootaa biyya kanaa biraa amantummaa osoo hinargatiin Heera Mootummaa dhiigaafi lafee uummataatiin argame kana akkuma salphaatti kophaasaa akka fooyya’uuf qo’annoo gaggeessuufis ta’ee tuquuf ga’umsaas ta’ee itti gaafatamummaa hinqabu jedhee KFOn amana. Dhimma Heera Mootummaa ilaalchisee osoo qaamni ilaallatu hundi mariyatee irratti walii hingaliin qorannoo dhaabbatni kuni taasise qofaarratti hundaayuun tarkaanfiin Heera Mootummaa fooyyessuu gaggeefamu kamuu fudhatama hin qabu jechuun ni morma.

6/Dhimmoonni fi keeyyattoonni Heerichaa akka fooyya’ann jedhamee qo’annoon irratti gaggeefame kunneen, kanneen utubaaleen Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa irratti ijaaramaniidha. Haaluma kanaan bu’aa qorannoo kanaarratti hundaa’uun akka jijjiraman gochuun, fooyya’iinsa heeraa salphaa otoo hin ta’iin Heera Mootummaa bu’uurarraa jijjiruu kan hordofsiisuudha. Kana waan ta’eef maqaa heera fooyyessuutiin jijjiirraa Heera Mootummaa gaggeefamuuf deemu ni mormina.

7/Walumaagalaatii qorannoon kun walitti bu’insa kan babal’isuu fi sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa qabsoo yeroo dheeraan booda mirgoota eenyummaa isaanii kabachiisu Chaartera Mootummoota Gamtoomanii, Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa, Chaartera Gamtaa Afriikaa fi Heera Mootummaa FDRI keeyyata 13tiin argatan haala cabsuun kan gaggeeffamee fi biyya kana keessatti ol’aantummaa gar-tokkee babal’isuuf mootummaan baajata itti baasee kan hojjete waan ta’eef KFOn gonkumaa hin fudhatu.

Dhuma irratti, KFOn Heerii Mootummaa gonkumaa hin fooyya’u ejjannoo jedhu hinqabu. Garuu fooyya’iinsa Heera Mootummaa dura wantoonni guutamuu qaban hedduuti jira jedhee amana. Biyyi keenya gaaga’ama walxaxaa kana keessa akka baatuufis:

1/Warreen yeroo ammaa walwaraanaa jiran, humni nageenyaa mootummaa FDRI fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO)n wal waraansa hattattamaan akka dhaaban KFOn irra deebiin gaafata.

2/Mariin Biyyoolessaa hunda haammataa ta’e qaama bilisaafi amanamaa ta’een qophaahuun dhimmoonni walitti bu’insaafi wal waraansaaf sababa ta’an addaan bahanii furmaata argachuun nageenyi waaraa ta’e akka uumamu KFOn cimsee gaafata.

3/Heera Mootummaa fooyyesuun yoo barbaachisaa ta’es, Marii Biyyoolessaarratti hundaa’uun dhimmoota Heera mootummaa fooyyessudhaaf sababoota ta’an jedhamaniifi waliigalamanirra dhaabbachuun Koomishinii Heera fooyyessu, kan hundi irratti amanan dhaabuun; yookaan immoo akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyata 104 fi 105-tiin adeemsi fooyya’insa Heera Mootummaa FDRI akka taasifamuufi fuulli keenya gara nageenya waaraa fi misooma hunda haammateetti akka fuulleffatuuf KFOn cimsee ni gaafata.

Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Caamsaa 21, bara 2015 ALI

Finfinnee, Oromiyaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.