Daldala: Sooftweeriin Singaapoor Azeentiyoo Itoophiyaa Raamiis Baankiitti tajaajila baankii Islaamaa eegale

Teeknoolojiin kuni seera Shari’aa kabajuun tajaajila dhiyeessi meeshaa saffisaa kennuu kan dandesssisuu dha.

Finfinnee Caamsaa 30, 2023 – Dhaabbanni teknoolojii waajjirri muummeesaa Singaapoor ta’e Azeentiyoo Sooftweer jedhamu kan Apaaks Paartnar jedhamuun hogganamu tajaajila baankii dijitaalaa Islaamaa haaraa iMAL jedhamu kan seera Shari’aa kabajee hojjatu Itoophiyaa Baankii Raamiisiitti ifa taasiseera.

iMAL, industirii baankiingii Islaamaa dursaa kan jiru yoo ta’u qaama ragaa Shari’aa kennuu irraa ragaa argateera. Milkaa’inni guddaan kuni kan ta’e yaalii marsaa tokkoffaa guyyoota 30 taasisuun moojuulta marsaa tokkoffaa kan otoomaashinii damee fi baankii gurgurtaa qophii taasisuu erga raawwatee boodadha. Siistamiin haaraan kuni daldalaa fi tajaajila jalqabuuf baankicha gargaara.

Hojii gaggeesssaa olaanaa baankii Raamiis Alii Ahmad, “hojii jabaa fi kutannoo gareen Azeentiyoo fi gareen baankii Raamiis agarsiisan nan galatteeffadha; hojiirra oolmaan iMAL kan yaadne caala saffisuun guyyoota 30 keessatti dhugaa ta’e. biyyattii erga seenne yeroo dhiyoo ta’us dandeettii fi muuxannoo idiladdunyaa iMAL fi Azeentiyoon teeknoolojii tajajila Shari’aa dhala malee eegu kennuutiin qabaniin yeroo gabaabduu keessatti ni milkoofna amantaa jedhu qabna,” jedheera.   

Hojiirra oolmaan iMAL  ulaagaaalee teknoolojii guutuun mul’ata baankii Raamiis  kan daldala guddisuu dhugoomsuuf ni gargaara. Qaamolee sadaffaa wajjiin tumsuun teknoolojii kalaqa gabaa saffisaa kennuuf tajaajilan fayyadamuun maamiltoota ni gammachiisa. Akkasumas, gahee fi dandeettii baankiin Raamiis gabaa baankii Islaamaa keessatti qabu ol kaasa.  

Hogganaan Olaanaan gabaa Azeetiyoo sooftweerii Kriish Naaraayaanaaswaamii, “Dhaabbilee akkas Raamiis Baankii kan teknolojii hojiiraa olchuu fi tajaajila dhala maleee maamiltootaaf  fi  tajaajila dijitaalaa gahumsa qabu maamiltootaa laatu wajjiin hojjachuu keenyatti gammadoo dha. iMAL dandeettii dijitaalaa kan mul’ise iMAL naamusa baankii Islaamaaguutuun kaayyoo isaanii  dhugoomsuuf hojjachuuff qophoofneerra,” jedhe.

Tajaajilli iMAL marsaa lammaaffaa faayinaansii Islaamaa, bulchiinsa puulii Islaamaa, kaaznaa, misooma, daldala faaynaansii, kafaltii SWIFT, ATM, bulchiinsa meeshaalee fi moojuulii baankki dijitaalaati.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.