Oduu: Dhimma shamarree eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaan butamteen walqabatee shakkamtootni jaha to’ataman: Waajjira Nageenyaa Naannoo Sidaamaa

shamarree Tsaggaa Balaachoo | Konistaabil Yawaalaamabraat W/Maariyaam

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Caamsaa 30/2023 – Tibbana magaala guddoo naannoo Sidaamaa, Hawaasaa, keessatti gocha addunyaan har’a irra gahee kanatti “boodatti hafaa” jedhamee ilaalamu fi seera durattis kana nama gaafachiisu raawwatamu isaa dubbii ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera. Dubbii ijoon kun shamarree heerumuuf guyyaa muraasa qofa ishee hafu eegduu (bodyguard) aanga’aa mootummaa tokkoon butamte jedha.

Shamarreen Tsaggaa Balaachoo jedhamtu magaalaa Walqixxee keessatti dhalatte guddatte. Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barnoota Herreega (Accounting) hordoftee erga eebbifamte booda bara 2014 irraa eegalee hanga ammaatti (gara waggaa tokko fi ji’a lamaaf) magaalaa Hawaasaatti baankii Daashin damee Waarkaa jedhamu keessatti hojjechaa jirti. 

Haata’u malee Kibxata darbe, Caamsaa 23, 2023 hojii ishee xumurattee gara mana isheetti galaa osoo jirtu kutaa magaalaa Mannahaaraa jedhamutti galgala keessa gara sa’aatii 1:00tti ALI eegduu (body guard) kantiibaa magaalaa Hawaasaa kan ta’e Konistaabil Yawaalaamabraat W/Maariyaamiin butamtee gara iddoo hin beekamneetti geeffamu ishee miseensi maatii ishee dhimmicha dhiyeenyaan hordofaa jiru Addis Standarditti himeera. 

“Kibxata galgala gara mana isheetti akka hin galle kireessituu mana isheetu nutti hime. Ganama gara bakka hojii isheetti yeroo deemnuus ishee dhabne. Hojjettuun baankichaa ishee waliin hojjetu tokko eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaatin akka butamte yeroo odeessitu dhageenye,” jedhe maatiin kun. 

Namni ishee buteera jedhame kun [Konistaabil Yawaalaamabraat W/Maariyaam] kanaan dura irradeddeebiin fedhii ishee malee akka ishee fuudhu itti dhaadataa akka ture kan hime maatiin Addis Standard dubbise kun fi duraan miseensa poolisii akka ture fi yeroo ammaa kana eegduu kantiibaa Hawaasaa ta’uun hojjechaa akka jiru, akkasumas gocha kana kan raawwate iddoo itti hojjetu irraa boqonnaa waggaa yeroo baheetti ta’uu himeera. 

“Erga butamuu ishee barree booda battalumatti poolisii magaalichaa fi naannoo Sidaamaaf eeruu laanne. Garuu akka nuti barbaannutti xiyyeeffannoo hin arganne. Namichi poolisii waliin qunnamtii waan qabuuf kanneen poolisii keessa dhimmichi xiyyeeffannoo akka hin arganne yaalan ni jiru. Kanneen maqaa “aadaa naannichaati” jedhuun cal nuun jechisiisuuf yaalanis ni jiru.”

Tsaggaan erga butamte torban tokko kana keessatti magaalaa Yirgaalamii fi Haagara Salaam dabalatee gara iddoowwan adda addaa geeffamu quba qabaachuu kan hime maatiin ishee kun, yeroo ammaa kana garuu eessa akka jirtu ifatti hin beeknu jedheera. “Yeroo heddu poolisoonni muraasa isa barbaacha iddoo inni jira jedhametti yeroo socho’an namoota poolisoota keessaa eeruu isaaf laataniin miliqeera,” jedhe.

Fiqaaduu [maqaan sababa yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame], nama maatii shamarree Tsaggaatif dhiyeenya qabu yoo ta’u, yaada Addis Standardiif laateen Tsaggaan heerumuuf akkaataa seera amantii isaanitti kaadhimaa ishee waliin barnoota gaa’ela xumuranii qophiirra yeroo jiranitti taateen kun raawwatamu hime. 

“Ammaaf abbaan ishee dhukkubsatanii waan jiraniif guyyaa gaa’elaa hin murteessine malee waa hunda xumuranii turan. Kaadhimaa ishee dabalatee maatiin hundu hedduu cinqamaniiru. Biyya isheen hin beekne, hojiif deemteetti kana ta’uun immoo daran itti ulfeesseera,” jedhe. 

Hogganaan Waajjira Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Alamaayyoo Ximootiwoos yaada Addis Standarditti laataniin kaameraa nageenyaa (CC TV) magaalaa Hawaasaa irraa Tsaggaa Balaachoon guyyaa Caamsaa 23 Konistaabil Yawaalaamabraat W/Maariyaamiin butamuu ishee mirkaneessuu himaniiru. 

“Odeeffannoon butamuu ishee erga nu qaqqabee booda hordoffii cimaa taasisaa jirra” kan jedhan obbo Alamaayyoon, yeroo ammaa kanas namoota shakkamaa tokkoffaa waliin gocha butii kana qindeessanii fi ergasiis poolisoota keessaa odeeffannoo laachaa turan jaha to’annoo jala oolchuu beeksisaniiru. Itti dabaluudhaan, hordoffii taasifamaa jiruun iddoo amma ishee fuudhee geesse qabatamaatti ni beekna kan jedhan Alamaayyoon, Konistaabil Yawaalaamabraat to’annoo jala oolchuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.