Oduu: Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Hadiyyaa keessatti hojjettoonni mootummaa 40 ol hidhaman

Magaalaa guddoo godina Haadiyyaa, Hosaa’inaa. Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee, Caamsaa 31/2023 – Bulchiinsa naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Hadiyyaa aanaa Badawaachoo Bahaa keessaatti hojjattoonni mootummaa mindaan isaanii ji’a sadiif hin kennamneef mormii dhiheessuu isaanitiin walqabatee namoonni 40 ol hidhamuun isaanii VOAn gabaaseera.

Barsiisotaa alaatii hojjattoonni mootummaa ji’oottan sadiif mindaan akka hin kaffalamneef kan ibse gabaasni kun, bulchiinsi naannoo hojjatoota kaffaltiidhaan walqabatee mormii dhageessisan hordofuudhaan akka tarkaanfii irratti fudhachaa jiru ibseera. 

Baatii tokko dura, Ebla 13 irraa eegale, aanaa Badawaachoo Bahaa keessatti hojjettoonni mootummaa sababa harkifannaa miindaa ji’aatiin mormii gaggeessuu isaanii fi adeemsa hiriira mormii kana keessatti tarkaanfii poolisiin mormitoota bittinneessuuf fudhateen namoonni sadii poolisiin reebamanii gara hospitaalaatti geeffamuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Akka hojjetaan mootummaa yeroos Addis Standard dubbise ibsutti, “rakkoon miindaa waliin walqabatu kun hojjettoota mootummaa bulchiinsa magaalaa Hosaa’inaa keessatti hojjetaniif yeroon miindaan isaanii kaffalamaafi jiru irraa kan hafe aanaan 13 fi bulchiinsa magaalaa sadii keessatti, addatti ammoo aanaa Baadewaachoo Bahaa fi Lixaa keessatti miindaa isaanii yeroon osoo hin kaffalamiif ji’a sadii ta’eera,” jedhe. 

Hogganaan bulchiinsa godina Hadiyyaa Abrahaam Mechaa dhiheenyaa kan akka VOAti himanitti, qonnaan bultoonni gatii xaa’oo liqiidhaan fudhatan waan deebisanii hin kaffalleef mindaan hojjattootaa kaffaluun hin danda’amne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.