Oduu: Manni maree bakka bu’ootaa labsii yakka daangaa qaxxamuru dabarsanii kennuu eeyyamu raggaasise

  

Finfinnee, Caamsaa 17, 2023 – Manni maree bakka bu’oota ummataa yaa’ii idilee 19ffaa irratti labsii yakkamaa dabarsanii kennuu fi dhimmoota yakkaarratti biyyoota Turkii fi Imireetota Arabaa Walta’anii (UAE) wajjiin hojjachuu dandeessisu raggaasise.

Manni maree ministeerotaa labsicha kana Amajjii keessa erga raggaasisee booda seera biyyattii ta’ee akka tumamuuf gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarsee ergee ture.

Labsiin kuni namoota yakkaan barbaadaman karaa seera qabeessa ta’een dabarsanii waliif laachuun olaantummaa seeraa raggaasisuuf bu’aa guddaa qaba jedhee ture. Yakkoota qindoominaan raawwatamanii fi yakkoota daangaa qaxxaamuran too’achuuf oola.

Labsii kan raggaasisuun Itoophiyaan biyyoota Turkii fi Imireetota Arabaa walta’anii wajjiin hojjattuu ishee taasisa jedhan.

Misseensa paarlaamaa fi paartii sochii biyyaalessaa Amaaraa Dassaalany Caannee (Dr) dabalatee labsiin kuni mirga lammiiwwanii sarba jechuun mormii dhageessisanii ture. Isaan hafan garuu hariiroo Itoophiyaan biyyoota wajjiin qabnu cimsuuf fayyada jedhaniiru.

 .”

Labsii lakk. 1290/2023,1291/2023 fi 1292/2023 mormii sadii fi tokko isagalee hin kennin yoo ta’u harka caaluun raggaasifameera. Bakkaa bu’oonni paaarlaamaa Afrikaa Kibbaa walgahii kanatti hirmaatanii ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.