Oduu: Sababa waraana mootummaa fi WBO’tiin ummanni Gujii gaaga’ama namoomaa hammaataa keessa jiraachuu OLLAA’n ibse

Finfinnee, Caamsaa 16, 2023 – Waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godinoota Gujii lamaan keessatti godhamaa jiruun jiraattonni godinichaa gaaga’ama namoomaa garaagaraatiif saaxilamuu qorannoo adeemsiseen mirkaneessuu waldaan Ashaaraa fi Abukaatummaa Oromoo (OLLAA) ibse.

Akka ibsa OLLAA’tti, waraana mootummaa fi WBO gidduutti deemaa jiruun walqabatee jiraattonni godinootaa hidhaa jumlaa ajaja malee, ajjeechaa jumlaa, qe’eerraa buqqa’uu fi qabeenyi barbadaa’uutiif saaxilamaniiru. Namoonni himannaa sobaa WBO deeggartu jedhuun hidhamaa jiru jedhe. Namoonni kunneen mana murtiitti kan hin dhiyaanne yoo ta’u haalli qabiinsa mana hidhaa kunneen hammaataadha dha jechuun namoonni mana hidhaatii baafamanii iddoo adda addaatti jumlaan ajjeefamuu qorannoon mirkaneesseera jedhe.

Akkasumas qabeenya saamuu fi qe’eerra buqqisuunis raawwatameera. Humnoonni nageenyaa mootummaa jiraattoota qe’eesaaniitii buqqisuun mana isaanii abiddaan gubu jedheera. Bara 2019 aana Bulee Horaa ganda Gaarbichoo Roogaatti mana, jireenyaa fi midhaan adda addaa lafa qonnaarra ture barbadeessuu akka fakkeenyaatti kaaseera.

Godinoota Gujiitti loltoonni mootummaa fi WBO namoota kan butan ta’uu jiraattota wabii gochuun OLLAA ‘n gabaaseera. Sababa kanaan achi buuteen namoota hedduu dhabameera jedhe.

Daa’imman barumsa addaan kutuun meeshaa hidhatanii qabsoo akka jalqaban dirqisiifamaniiru. Kana sodaachuun qe’eesaanii dhiisanii kan badan hedduudha. Magaala Bulee Horaatti kadhattuu ta’anii karaarratti kan hafan jiru. Rakkoo hammaataa ummati naannichaa keessa jiru kana furuuf mootummaa fi WBO gidduutti araara buusuun barbaachisaa ta’uu OLLAA’n ibseera.

OCHA’n ibsa baaseen, namooti 701,518 Gujii Lixaatii buqqa’uu gabaaseera. Godinichi rakkoo umamaa fi namtolcheetiin rakkachaa jira jedheera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.