Oduu: Magaala Bishooftuutti haleellaa hidhattoonni bananiin poolisoonni afur ajjeeffaman

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2023 – Haleellaa waajjira poolisii magaala Bushooftuu keessatti argamurratti hidhattoonni eenyummaansaanii adda hin bahin bananiin poolisoonni eegumsa waajjirichaarra turan afur ajjeefamuu biiroon sabqunnamtii waajjira magaalichaa beeksise.

Hogganaan biiroo sab-qunnamtii magaala Bushooftuu obbo Dajanee Bajiirroo Addis Standard Afaan Oromootti akka himanitti, haleellaa hidhattoonni eenyummaansaanii adda bahee hin beekamin waajjira poolisii kutaa magaalaa Calalaqaa iddoo addaa Geetish jedhamutti argamurratti Sanbata guddaa darbe halkan keessaa naannoo sa’aatii jahaatti bananiin poolisoonni eegumsa wajjiirichaarra turan afur ajjeefamaniiru.  

Akka hogganaa kanaatti, eenyummaan garee hidhattoota kanaa kan hin beekamne yoo ta’u kaayyoon isaanii hidhamtoota mana sirreessaa keessa jiran humnaan baasuu ta’uus hin milkoofne jedheera.

Miidiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deeggaru Arraata Biyyoolessaa oromiyaa jedhamu gamasaatiin, haleellaa kan kan raawwatan miseensota waraana bilisummaa Oromooti jedheera. Haata’u malee, eegdota sadii fi miseensota nageenya mootummaa biroo torba haleellaa kanaan ajjeefamutu gabaafame.

Oduu walfakkatuun, haleellaa loltoonni WBO waajjiira manneen sirreessaa godina Gujii Lixaa magaala Bulee Horaa fi Wallagga Bahaa magaala Naqamtee keessatti argamanirratti raawwataniin eegdota waajjiraa ajjeesuun hidhamtoota bilisa baasuun ni yaadatama.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.