Xiinxala: Oduun qamadii gara alaa erguu himamuu hordofee danqamuun gabaatiin, qaala’iinsaa fi jeequmsa gatiin qoteebultoonni rakkatan

Baalee, Roobee – Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad godina Baaleetti argamuun mootummaan qamadii gabaa alaatiif dhiyeessu eegaluu yeroo himuun kuntaala miliyoona 32 gara Keeniyaa erguufi jedhee turetti milkaa’ina gaarii ta’uun ibsamee ture.

MM Abiy guyyaa kana (graandhala 12), “waadaa ummataaf galle milkeessinuun mul’ata qamadii gara biyya alaa erguuf qabnu dhugoomsinee jirra. Guddaa abjootuu keenyaaf ragaadha, halakaniif guyyaa hojjannee abjuu keenyas ni himanna wanta jennees ni gochuun xumurree agarsiifna,” jedhee ture.  

Beeksisa mootummaa kana yeroo xiqqoo booda gatiin qamadii kuntaala tokkoo dabaluun 3,200 irraa birrii 4,700 gale.

Gatiin qamadii maaliif akka dabale ogeeyyoonni, qoteebultoonnii fi rogeeyyiin yaada kaasaa turaniiru. Isaan kaan sababiin qaala’iinsa uuumamee danqamuu gabaaqamadii hir’ina dhiyeessii hordofsiisuudha haa jedhan malee sababiin ol ka’uu gatichaa rakkoo sharafa biyya alaa hir’suuf murtee moootummaan qqamadii gara biyyoota biroo erguuf dabarseen kan walqabatuudha. Murteen kuni rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fi daldala seeraan alaa ture hammeessee jira.

Dhiibbaan qaala’iinsi qonnaanbultoota, fayyadamttota (bitattoota) fi biyyattiirratti uume maal akka ta’e adda baafamee beekamuu baatus sagantaa qamadii agar alaa erguu mootummaan baaseeen hidhata kan qabu ta’uudha. Gameen lamaanuu, qaala’iinsi fi hir’inni dhiyeessi kan uumame erga mootummaaan qamadii gara biyya alaa erguu beeksisee boodadha.

 Warshaan paastaa, maakaaroonii fi daakuu hir’ina dhiyeessi qamadii irraan kan ka’e oomishuu dadhabaniiru.

Gaazexeessan Addis Standard gara godina Baalee kan qamadii omishuun beekamtuutti imaluun namoota dhimmi ilaallatu kan akka waldaa qotee bultootaa, qonnaanbultootaa fi aanga’oota mootummaa dubbiseera.

Qonnaanbultoonni fi daldaaltonni qamadii gootaraatti kuusanii qabu. Gatii bahe kanaan gurguruu hin barbaadanqaban”

Qotee Bulaa Ahmad Alii

Lafti diriiraan Baalee fi Arsii dhiyeessii qamadiitiin baay’ee beekamanitti hir’ina omishaa qamadii bara kana mudates hin jiru.

Ahmad Alii, qotee bulaa godina Baalee aanaa Agaarfaa magaala Alii yoo ta’u  qaala’iinsi gatii kan uumame erga mootummaan karaa waldaa qonnaanbultootaatiin qamadii gatii murtaa’en bituu eegalee booda ta’uu hima.

Akka Ahmad jedhutti, hamma qamadii gahaa butatutti karaa alkallattiitiin qamadii gatii murtaa’e birrii 3,300 kanaan waldaa qonnaanbultootaatti akka gurguran mootummaaan qonnaanbultoota dirqaa tureera jedhe. Erga gahaa bitate booda, garuu gabaa qamadii kana bilisa godheera.

“Qotee bulaa fi daldaalaan qamadii baay’ee kuusee haa qabaatu malee gatii kanatti gurguruuf hin barbaadan,” jedhee Ahmad Addis Standard’itti himeera.

Daldaalli qamadiirratti mootummaa qoqqoobbii kaa’uu miidiyaalen biroo biyya keessaas gabaasaniiru.

Haayluu Yaadatee qonnaannulaa magaala Alii kan omisha qamadiitiin beekkamuudha. Haayluun garuu gatiin qamadii kan dabale sababa qaala’iinsi gabaa waliigala biyyttiirratti uumameefi jedhee amana. Sagantaan mootummaan qamadii biyya laatiiif dhiyeessuf baase kuni karaa alkallattiitiin dhiibbaa umeera jedhe.  

“Gatiin qamadii kan dabale sababa gatiin tajaajilonnii fi meeshaalee biroo kan akka xaa’oo fi qoricha aramaa dabaleefiidha,” jechuun Addis Standard’itti himeera.

Haayluu dhiibbaa mootummaan qonnaanbulaarratti uumaa jirutti kan hin gammanne ta’uu ibseera. Otuu qaala’iinsi gabaa biraa hammaatee jiruu, “Qonnaanbulaan gatii gadi bu’aa kanatti akka gurguru dirqisiisuun sirri mit,” jedheera.

“Gatiin meeshaa fi tajaajilaa kan akka qorqorroo, simintoo fi xaa’oo hammaatee jira; gatiin kofoo tokkoo gatii qamadii kuntaala tokkoon qixa ta’ee jira. Qonnaanbultoonni omishasaanii gatii kanatti gurguruu didaniiru,” jechuun qaala’iinsa gabaa biyyattii mudatee jiru dandamachuu dadhabaa jiraachuu dabalee ibseera.

Qaala’iinsi gabaa qamadii kan uumame sagantaa mootummaan qamadii biyya alaatti erguuf qabu ifa taasisuu fi daldaala qamdiirratti qoqqoobbii kaa’eetti aanuun Haayluun amaneera.

Qonnaanbultoonni gatii kaa’ame kanatti gurguruu hin barbaadan qaala’iinsi kana caalu of dura ni uumama jedhanii eeguun midhaan isaanii kana kuusaa jiraachuu Haayluun himeera. Giddugaliinsi mootummaan raawwatu kuni omisha  qamadii waqtiilee itti aananii dhufnirratti dhiibbaa uumuu danda’a jedheera.

Waldaa qonnaanbultoota Siikkoomandoo kan godina Baaleetti argamutti abbaa taayitaa adeemsa gabaa kan ta’e Jamaal Umar  waldichi aAmajjii fi Guraandhala keessa qamadii kuntaala 170,000 birrii 3,300 bituu addeesseera. Hanga Bitootessaatti kana keessaa 30,000 kan ta’u gabaa midhaan Itoophiyaatiif dhiyeessineera jedhe.

Karoora mootummaan qamadii gabaa alaatiif dhiyeessuu ifa taasise hordofuun waldaan qonnaanbultootaa gatii murtaa’e kanaan qamadii baay’inan bituu Jamaal himeera.

“Gabaa qamadii jiru wajjiin dorgomuu waan hin dandeenyeef waldichi amma qamadii bituu addaan kuteera. Kanaan dura salphaatti qamadii bitachaa kan ture ta’us amma garuu qoteenbulaan gatii kanaan gurguruuu waan hin barbaanneef namootaa fi dhaabbatoota dhuunfaan gatii gariiin bitnitti gurgurachaa jiraachuu ibseera. “gatiin qamadii kuma shanitti dhiyaatee osoo jiruu birrii 3,200 akka nutti gurguran qoteebultoota dirquun hin dandeenyu,” jedheera.

Akka Jmaal jedhetti, waldichaa omishtummaa guddisuuf Intarpraayizii Sanyii Oromiyaa wajjiin hojjachaa jira jedheera. Qamadii sanyii filatamaa sanyiif oolu kuntaala 1,700 kan bite ni qabaa, akkasumas kuntaala 1,200 lafa qonnaa ofiirratti omisheera.

Haata’u malee, qondaalonni mootummaa naanichaa komii qonnaanbultoonni kaasan kanaaf beekamtii hin kennan.  Mootummaan gamasaatiin “daldaaltota ofjaalattuu” ta’an qaala’iinsa gabaa uumuuf gabaa qamadii jeeqaniiru jedhe.

Itti aanaan biiroo qonnaa godina Baalee Salamoon Daadhii turtii Addis Standard wajjiin taasisaniin bulchiinsi godinichaa omishtummaa guddisuuf tooftaadhaan hojjachaa jiraachuu himeera.  Jallisiitti fayyadamun waggaatti si’a sadii omishaa jira jedheera.

“karoorri keenya nyaataan of danda’uu, miidhaan alaa galchuu dhiisuu fi irraa kan hafe gabaa alaatiif dhiyeessuudha,” jechuun Salamoon himeera.

Akka Salamoonitti, godinni Baalee bara 2022/23 qamadii kuntaala miliyoona saddeetii ol lafa qonnaa heektaara 238,000 irratti omisheera. Omishni bara kanaan baroota darban irraa garaagarummaa guddaa hin qabu jedheera.

Qamadiin seeraan alann biyyaa alatti gurguramaa jira jedheeras. Haata’u malee, eessaan akka bahaa jiru himuu hin dandeenye.

Hayyuu dinagdee kan ta’an Guutuu Teesso (PhD) dabaluun gatiin qamadii qaala’iinsa waliigalaa wajjiin walitti hidhata kan qabaatu ta’us ka’umsi isaa garuu karoora mootummaan qamadii gara alaa erguun sharafa biyya alaa argachuuf taasise dha jedhe.

Ogeessi kuni, “mootummaan qonnaabulaarraa gatii murtaa’etti qamadii biteera. Gochan kunimmoo adeemsa gabaa jeequun omisha dhoksuu fi gabaa seeraan alaa akka uumamu taasiseera,” jedhe.

Qamadiin gabaarraa waan dhabameef daldaalli seeraan alaa akka uumamu taasiseera. Mootummaan garuu badii kanaaf “daldaaltota ofjaallatoo” yakkeera. Qonnaan bulaan omisha birarraa gara qamadiitti akka dhufuuf mootummaan dhiibbaa taasisaa tureeras jedhe. Kunis gabaa Xaafiirratti qaala’iinsa biraa uumuu Guutuun ibseera. Tarsiimoon mootummaa kuni omisha miidhaanirratti midhaa yeroo dheeraa fiduu danda’as jedheera.

Mootummaan qamadii gara biyya alaa erguuf karoorfachuun dura gabaa biyya keessaatiif qamadii gahaa dhiyeessuurratti hojjachuu qaba jedheera, Sana booda isa hafe gara biyyoota biroo erguu kan danda’u ta’uu hayyuun kuni jedheera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.