Aadaa: Aadaa Oromoo keessatti halangeen maali?

Finfinnee, Caamsaa 15, 2023 – Sabni Oromoo aadaa, duudhaafi falaasama mataa ofii qabaachuurra darbee addunyaafis gumaacheera. Meeshaalee aadaa keessaa kan hawaasa aanaa Kokosaa keessatti bal’inaan beekamuufi dhimmoota garagaraaf fayyadu halangee dha.

Alangeen maali?

Sirna gadaa oromoo keessatti halangeen kabajaa fi iddoo guddaa qabdi. Fakkeenyaaf gaheen halangeen aadaa keessatti qabdu sirna hamoommota keessatti akkas jechuudhaan ibsama. “Birrii tumaa hararge’ee, .… Seerri ambaa halange’ee” …..jechuudhaan muraa fi murtii kamiiyyuu keessatti halangee malee fudhatamni akka hin jirre ibsama.

Halangeen kan hojjatamu  gogaa gosa garagaraa  irraa yommuu ta’u, dhimmoota  garagaraatiif itti fayyadamu. Haaluma kanaan, waldhabbii garagaraa keessatti jaarsummaadhaan waldhabbii hiikuufi qoraa fi murtiin kan ittiin kennamu halangeedhaan.

Akkasumas akka aadaatti namni tokko gaafa intala fuudhaaf namaaf kadhatuuf deemu Halangee qabatee mana warra intalaa dhaqa. Kanumarraa ka’uudhaan namni fuudhaa fi heeruma sana keessatti sirna kana raawwatu kun halangicha jedhama. Gurbaan yookiin namni intala Halangichi kadhateef sana fuudhus gaafa fuudhaa fi heerumaa waddeessa, garambaa  fi eeboo waliin harkatti qabata. Sirna Gadaa keessatti Oromoon yommuu Gadaa waliif dabarsee kennuu fi fudhatu halangeedhaan mirkaneessa.

Akaakuu halangee

Halangeen akaakuu  sadiitu jiru. Isaanis:-

1.Halangee Meexxii: Halangeen kun isa hangafaa fi Muka meexxii irraa hojjatama. Gaafa gumaan quceedhaan kaffalamaa ture sana halangee gosa kanatti fayyadamaa turan. Oromoon gaafa raaba yaabbatu akkas jechuudhaan halangee gosa kanaa ibsa, “Hoo Meexxii hoo Meexxiin lafa geettii… Warra bokkuu qabu deettiin irra teettii” jechuudhaan faarsu.

2) Halangee  Warseessaa:- Halangeen kun  gogaa sattawwaa irraa tolfama. Gaafa gumaan golba ture sana immoo halangee gosa kanaatti fayyadamaa turan. Golbittii jechuun loon gumaaf kaffalamu lafa golbaatti walitti qabuudhaan raawwatamaa ture jechuu dha.

3. Halangee Roobii:- Gosti Halangee kanaa kun  gogaa Roobii irraa tolfama. Halangeen kun immoo yeroo gumaan namaa loon dhibbaan kaffalamaa jiru kanatti Oromoon itti fayyadamaa kan jiruu dha.

Gosti Halangee Roobii kun immoo iddoo sadiitti qoodamu. Isaanis:-

A) Halangee Roobii Dhanquu:- Halangeen kun kan Abbaan Gadaa qabatuudha.

B) Halangee Roobii Qonyee:- Halangee Hookkaan qabatuudha.

C) Halangee Roobii Qeenxee:- Kun Halanqee Qoraa fi shanachaati. Shanacha jechuun namni kamiiyyuu qabachuu kan danda’u jechuu dha.

Madda: Sab-qunnamtii Aanaa Kokosaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.