Oduu: Mootummaan tarkaanfii “humnoota finxaaleeyyii” irratti fudhatu cimsee itti fufa jedhe

Finfinnnee, Caamsaa 15, 2023 – Mootummaan “humnoota finxaaleeyyii badii” hokkora kaasuun aangoo mootummaa humnaa fi qawweedhaan dhuunfachuu barbadan irratti tarkaanfii fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Tajaajilli sab-qunnamtii mootummaa ibsa kaleessa baaseen akka jedhetti, humnoonni finxaaleyyii kunneen obsa mootummaa akka sodaatti ilaaluun gocha sukaneessaa lammiilee nagaarratti raawwatu, qondaalota mootummaa ajjeesuun, miseensota raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa raawwachuu, lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman qe’eesaanirraa buqqisuun biyyatti hokkora keessa galchuun kaayyoosaanii galmaa gahuuf hojjatu jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa hogganaa paartii badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yashixlaa hordofee ibsa walfakkaataa baasee ture. Humni nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa “humnoota finxaaleeyyii” adeemsa heeraa naannoo Amaaraa keessa jiru cabsuun humnaan aangoo mootummaa naannichaa dhuunfachuuf” yaaluun yakkerratti “tarkaanfii murteessaa” kan fudhatu ta’uu ibsa kanaan dura baaseen addeessee ture.

Finfinneetti bulchaan kutaa magaalaa Qirqoos aanaa 08 Allabaachoo Amoony torban darbe keessa biiroosaatti rasaasaan rukutamee ajjeefamuun ni yaadatama. Poolisiin ajjeechaasaatiin shakkame tokko too’annoo jala galuu poolisiin magaalattii ibsee ture. Akkasumas, itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa naanno Amaara obbo Girmaa Yashixlaa garee hidhattootaa maqaansaanii hin eeramin kan humnaan aangoo mootummaaa dhuunfachuuf dhoksaan hojjachaa turaniin godina Shawaa Kaabaatti ajjeefamuu Addis Standard Afaan Oromoo gabaasee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.