Oduu: Hawaasni workshooppii nageenyaa Lixa Oromiyaarratti hirmaatan marii nageenyaa eegalame itti fufsisuun Oromiyaatti nageenyi bu’uu qaba jedhan

Abdii Biyyansaatiin @ABiyensa

Amboo, Caamsaa 13, 2023 – Hirmaattonni workshooppii Lixa Oromiyaa magaala Ambootti nagaa buusuuf gaggeeffamerratti hirmaatan nagaa waaraa buusuu fi rakkoo gaaga’ama namoomaa furuuf marii fi hariiroon mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti uumame itti fufuu qaba jedhan.

Workshooppiin kun Waldaan Misooma Gurmuu USAID/USAID-ESP waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, Caamsaa 12 fi 13, 2023 magaala Ambootti gaggeeffameerratti qondaalonni godinoota Wllaggaa fi Shawaa lixaa, barsiisonni yuunivarsiitii, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, qondaaltota paartii mormitootaa, namoota daldalaa, hoggantoota hawaasaa, barsiisota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qondaaltota mootummaa, fi kanneen biroo argamaniiru.

Itti gaafatamaa sab-qunnamtii Kongireesiii Feederaalaa Oromoo Obbo Qaasim Sulxaan, “Qaamoleen lamaan dhukaasa dhaabuu irratti waliigaluu qabu, tajaajila gargaarsa namoomaaf karaa banuun dirqamaa,” jedhan.

Mariin marsaa jalqabaa qaamoleen lamaan gidduutti godhame marii abdachiisaa ta’uu eeruun qaamotni lamaan itti fufuun marii siyaasaatiin rakkoo isaanii furuu qabu jedhe. “Qaamotni lamaan mari’achuu qabu; paartiin tokko hunda fudhachuu hin danda’u, hawaasaaf nagaa buusuuf qaamni lamaan waliin moo’achuu qaba,” Sulxaantu jedhe.

Miidiyaaleen bu’aan gaarii akka dhufuuf “gahee ijaarsaa” taphachuu akka qabanis himaniiru. “Miidiyaaleen haala gaarii uumuu fi odeeffannoo adeemsa marii kanaaf haala mijeessuu keessatti gahee gaarii fudhachuu qabu,” jechuun “akkaataa miidiyaaleen tokko tokko marii marsaa jalqabaa gabaasan rakkoowwaan tokko tokko uumeera” jechuun qeeqaniiru.

Hojjattuun mootummaa fi jiraattuu magaala Amboo Kabbabuush Taammanee, “qaamoleen lamaan garaagarummaa siyaasaa qaban mariidhaan hiikanii ummataaf nagaa kennuu qabu,” jetteerti. Rakkoosaanii furuun ummata isaanii gaaga’ama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessa jiran gargaaruu qabu. “qaamoleen lamaan rakkoon jiraachuun hubatanii marii eegaluun isaanii jijjiirama gaarii fi marii marsaa biraatiif kan nama kakaasuudha,” Kabbabuush jette.

Abbaa Gadaa Asfaaw Kabbadaa jiraataa Wallagga Bahaa kan waraana waggaa shaniif mootummaa fi WBO gidduuti deemaa tureen hubaman gama isaanitiin waraanichi daldaala, qonnaa fi misooma fayyaa, barnootaa, koominikeeshinii hubeera jedhan.

“Ummanni beela’aa jira waan ta’eef waliigaltee waraana dhaabuu ummata kana baraaruuf barbaachisaadha,” Abbaa Gadaa Asfaawtu jedhe. “Rakkoo jiru hundeedhaa buqqisuun nageenyya waaraa naannichatti buusuuf barbaachisaadha.”

Qaamoleen lamaan marii marsaa tokkoffaa Taanzaniyaa Zaanzibaaritti taa’ame booda walhubannarraa geenyeerra haa jedhan malee waliigaltee waraana dhaabuu hin mallatteessine. Mootummaan naannoo Oromiyaa mareen kuni kan itti fufu ta’uu dhiyeenya kana keessa addeessee ture.

Mariin nageenyaa kuni mootummaa Norweey fi Keeniyaa kan qophha’e yoo ta’u fi IGAD’iis gahee qaba. Mariiin marsaa tokkoffaa jijjiirama gaarii kan fideefii ture kan marsaa lammaffaatiif amanamummaa fi miira gaarii uumeera jechuun kan gammade ta’uu IGAD ibsee ture.

Osoo kuni akkanaan jiruu, Caamsaa 10, 2023 WBO’n magaala Jalduu (Shawaa Lixaa) fi Adaamii Tulluu (Shawaa bahaa) mootummaan haleellaa narratti baneera jedheera. “Haleellaa lamaanuu marsuun loltoota mootummaa 75 ta’an barbadeesseera” WBO’tu jedhe.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.