Oduu: Oromiyaatti rakkoon nageenyaa barattoota qaama miidhamtootaaf “ba’aa dachaa” ta’aa jiraachuu qorannoon agarsiise

Abdii Biyyansaatiin @ABiyyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 27/2023 – Qorannoon haaraa dhaabbanni Waldaa Weerweet jedhamu dagaagina mirga namummaa fi dimookraasiitiin walqabatee mata duree “ba’aa dachaa” naannoo Oromiyaatti gaggeesse rakkoon tasgabbii naannichatti keessa jiru barnoonni hunda hammate akka hin jiraanne gufuu ta’uu mul’iseera.

Qorannoon qorattuuu Hiiywoot Saamu’eeliin gaggeeffame kuni Jimaata torban darbe ifa taasifame akka mul’isutti, tasgabbii dhabuun siyaasaa yeroo baay’ee hojiirra oolmaa barnoota hunda hammate irratti danqaa ta’eera. Barnoonni hunda hammatee sadarkaa gadaanaa ta’ee irra jiraachuu eeruun “rakkoo kana  furuuf  tarkaanfiin homaayyuu fudhatamaa hin jiru” jedheera.

Qorannoon kuni Oromiyaatti rakkoo dhiibba siyaasaa bara 2018 booda barnoota hunda hammate magaalota shan kan akka godina Arsii Lixaa (Shaashamannee), godina Wallagga Bahaa (Naqamtee), godina Harargee Bahaa (Haramaayaa), godina Bunoo Baddallee (Baddallee), fi godina Shawaa Lixaa (Amboo) keessatti kan gaggeefameedha.

Hokkora siyaasaa mudateeen walqabatee dhaabbileen mitimootummaa fi biroo kanneen barattoota qaama miidhamtoota gargaaran meeshaalee gargaarsaa dhiyeessuu irratti rakkoon isaan mudachaa jiraachuu qorannoon kun addeesseera.

Hiiywoot yeroo eebba qorannichaa akka hubachiiftetti, sababa hokkora siyaasaatiin Naqamtee fi Baddallee keessatti dhaabbati mitimootummaa dhimma qaama miidhamtoota akka waliigalaatti fi addatti ammoo barnoota qaama miidhamtoota hammate irratti hojjachaa jiru akka hin jirre addeessiteerti.

“Hunda caalaa qormaata kan ta’e barnoota hunda hammate namoota qaama miidhamtootaaf hojiirra oolchuudha,” Hiywotiitu jedhe.

Hiiywoot kan ofiishee qaroo dhabeettii taate yeroo qorannoo ishee keessatti rakkoo maallaqaa fi dhimmoota birootiin magaalaa Shaashamanneetti barnoota hunda hammate hojiirra oolchuun rakkisaa ta’us rakkoon siyaasaa fi nageenya haala hammeessa akka jiru qorannoon ishee ibseera.

Akkasumas, argannoon qorannichaa akka ibsetti, yeroo lagannaa barnootaa yookiin hiriirri mormii jirutti manneen barnootaa darbee darbee torban tokkoo fi lamaaf cufamaa akka turanii fi barattoonni qaama miidhamtoota ta’an harki caalaan isaanii yeroo deebi’ee manni barnoota banamu gara mana barumsaatti hin deebi’an. Maatiin barattoota kanneenii deebisanii erguuf fedhii hin qaban jetteerti. Kana malees, hokkora uumamuu danda’u sodaachuun barattoonni tokko tokko deebi’anii deemuu hin barbadaniis jetteerti.

Argannoon qorannoo ishee barnoota hunda hammateef baajata gahaan akka hin ramadamne inni ramadameyyuu waraana kaabaa fi Oromiyaa keessa turetti ergamaa akka ture fi dhimma waraanichaaf oolaa turetti addeessuu Hiywoot himteetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.