Oduu: Haleellaa gareen hidhattootaa lixa Oromiyaatti raawwataniin  jiraattoonni shan ajjeefaman, hedduu madaa’an

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 10/2023– Haleellaa gareen hidhatootaa naannoo Amaaraa Faannoo godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruu keessatti raawwataniin lammileen nagaa shan ajjeefamuu fi namoonni hedduu madaa’uu jiraattoonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan aanaa Amuuruu magaala Agamsaaa maqaansaa akka hin eeramen gaafate akka jedhetti haleellaa Roobii Waxabajjii 07 raawwatame kanaan qabeenyi saamamuu fi barbadaa’uu fi manneen gubachuu himeera.

Qonnaan bultoonni naannicha keessa jiraatan qe’ee fi qonnasaanii dhiisanii baqataniiru. Hidhattoonni kunneen lafarraa isaan buqqisuu yaadanii kan haleelan fakkaata jedhe. Qonnaan bultoonni kunneen waqtii facaasaa kanaan lafa qonnaasaanii dhiisanii baqachuuf dirqamuu eereera.

Haaluma wal fakkaatuun haleellaan biraa bara darbe naannoo sanatti gareedhuma kanaan raawwatameen qonnaan bultoonni dhiibbaan lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqaafamanii turuu jiraataan kuni yaadachiiseera.

Hidhattoonni kuni yeroo ammaa aanaa Kiiramuu magaala Haroo kan fageenya 50km irratti argamutti dhaquun achi qqubatanii jiru jedheera.

Jiraataan magaala Agamsaaa biraa Addis Standard’tti hime, “qonnaanbultoonni akka Guddinaa Gurraachoo, Soorii Jukkaar fi Taakkalee Fufaa haadholii manaa isaanii wajjiin ajjeefamaniiru,” jedhe. Namoonni kudhanii ol ta’an madaa’animmoo wal’aansaaf gara buufata fayyaa geeffamaniiru jedhe. Soorri fi Taakkaleen jiraattoota aanaa Amuuruu Ganda Makkaannoo turan.

Haaluma walfakkaatuun, nanaa Kiiramuu kan aanaa Amuuruutti ollaa ta’e keessatti haleellaan walfakkaatu garee kanaan gaggeefamuu jirattonni ibsaniiru. Hidhattoonni kunnneen aanicha keessa quubatanii waan jiraniif gandoota Caffee, Sormaa, Booqaa, Maayaa Jiniinaa Qoree fi Darabaa keessatti.haleellaa wal fakkaataa gaggeessaa jiraachuu jiraattonni ragaa bahaniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen haleellicha dheessuun qe’eesaaniirraa buqqa’anii waldaa kiristaanaa keessatti koola galanii argamu waan ta’eef mootummaa eegumsa akka taasisuuf jiraattonni gaafataniiru.

Haleellaa Guraandhala darbe raawwatameen jiraattoonni goodina Wallagga Bahaa aanaalee Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaatii buqqa’an qe’eesaaniitti deebi’uuf rakkoo nageenya ture waan sodaataniif qe’eesaniitti deebi’uu kan hin barbaanne ta’uu Addis Standard’tti himanii ture.

Haleellaa mootummaan Itoophiyaa garee hidhattootaa naannoo Amaaraa kan Iskindir Naggaatiin hogganaman irratti haleellaa banuun 200 ol ajjeesu ibsee ture. Gareen hidhattootaa godinoota Wallggaa keessatti haleellaa raawwachaa jiran kunneen hidhattoota haleellaa mootummaa dheessuun gara godinoota Wallaggaa baqatanii gabaasni jedhu baheera.

Sababoota haleellaa garaagaraa irra deddeebi’uun godinoota Wallaggaa keessatti bara 2020 asitti raawwatamaniin lammileen 859,000 ta’an gargaarsa namoomaa barbaadab jiraachuu dhaabaata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (OCHA) gabaasuun ni yaadatama.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.