Oduu: Naannoo Kibba Lixaatti hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne ajajaa poolisii ajjeesuun, kan biraa madeessan

Finfinnee, Waxabajjii 12/2023 – Naannoo Kibba lixaatti haleellaa hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne konkolaataa magaalaa Mizaan Teeppii irraa gara aanaa Godaree magaalaa Meettiitti imalaa ture irratti raawwataniin ajajaan poolisii Aanaa Godaree yoo ajjeefamu, poolisii biraa irratti miidhaan cimaa gaheera. 

Kominikeeshiniin Naannoo Gaambeellaa, Gargaaraa Inspeektara Ittisa Yakka Aanaa Godaree Obaang Udoong wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaan kun naannoo Kibba Lixaa aanaa Yakii keessatti naannoo Baayaa jedhamuun beekamutti Dilbata Waxabajjii 11 galgala naannoo sa’aatii 1:30tti raawwatame. Poolisiin miidhaan irra gahe hospitaala Teeppiitti yaala fayyaa argachaa jira.

Poolisoonni haleellaan kun irratti raawwatame kunneen bulchiinsa naannoo kibba lixaa magaalaa Miizaan keessatti leenjii xumuranii gara aanaa Godaree magaalaa Meettiitti deebi’aa turan.

Haleellaa kana cimsee kan balaaleffate Inispeektar Obaang, poolisiin qaamolee haqaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsuun yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan ni taasisa jedhe. Akkasumas poolisiin waa’ee haleellaa kana ilaalchisee odeeffannoo bal’aa akka kennu himeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.