Oduu: Raayyaan ittisaa saamicha miidhaan gargaasaatiin walqabatee himata USAID haale

Finfinee, Waxabajjii 12/2023 – Raayyaan ittisa Itoophiyaa gabaasa dhaabbanni gargaarsa namoomaa Ameerikaa (USAID) saamicha miidhaan gargaarsaatiin walqabatee dhaabbaticharratti dhiyeesse “kabaja dhaabbatichaa kan tuquudha” jechuun haale.

Ibsi humna raayyaa ittisa biyyaa baase, gabaasi USAID kuni miseensonni raayyaa ittisa biyyaa “kan ofiisaanirraa hir’isuun ummataaf qoodu” malee tasumaa ummatarraa hin saaman jechuun himata USAID haaleera.

Akkasumas, dhaabbanni raayyaa ittisaa “loojistikii gahaa kan qabu” waan ta’eef buqqaatotaa fi harka qalleeyyii gargaaruun beekama malee saamicha hin raawwatu jechuun qaamni himata saamichaa dhiyeessseeyyuu otuu mirkaneesssuun dura oduu kana tamsaasuun kabaja raayyaa ittisa biyyaa kan tuquudha jedheera. “…Dhaabbanni yookiin tuutni yookiin loltuun qamadii gargaarsaatti fayyadamu hin qabnu,” ibsichatu jedhe.

Haata’u malee, miseensi raayyaa ittisa biyyaa dhuunfaasaaatiin hattoota wajjiin tumsuun gargaarsi kuni dhima biraatiif akka oolu tumse yoo jiraate garuu sakatta’iinsa gochuun miseensa yakka akkanaa hojjaterratti “tarkaanfii dhumaa” kan fudhatu dhaabbatichi ta’uu ibseera. Kana malees, “humnoonni finxaaleyyii biiyya keessaa fi alaa” maqaa raayyaa ittisichaa baleessuuf dhama’an jiraachuu ibsichi eereera.

Himata raayyaa ittisa biyyaarratti baname kanarratti dhaabbaticharraa otuu hin qulqulleeffatin gabaasa akkanaa ifa taasisuun sirrii miti jechuun qorannoo qaamni kamiyyuu taasisu kan tumsu ta’uu himeera.

USAID dhimma kanaan walqabatee ibsa Kamisa darbe baaseen, miidhaan gargaarsaa namoota rakkoo gaaga’ama namoomaatiif saaxilamanii fi harka qalleeyyiif akka ooluuf dhaabbatichi dhiyeessu raayyaan ittisa Itoophiyaa qaamolee mootummaa biroo wajjiin ta’uun dhimma ofiisaaf oolchuusaa qorannoo gaggeesseen mirkaneessuu hordofuun “hamma haalli ture fooyya’utti” gargaarsa taasisu kan addaan kutu ta’uu ibsuun ni yaadatama.

Ibsa USAID kana hordofuun, dhaabbanni sab-qunnamtii mootummaa Itoophiyaa ibsa miidiyaaf laateen gargaarsa dhaabbileen kunneen gargaarsa Itoophiyaadhaaf ergan addaan kutuunsaanii “miliyoonota  beelaan kan adabuudha” jechuun murtee kana ceepheera.

Lammiileen Itoophiyaa miliyoonootaan lakkaa’aman kan naannoolee waraanaa fi hongeen miidhaman keessa jiraatan gargaarsa namoomaa kan barbaadan ta’uun ni beekama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.