Oduu: Dhaabbatni gargaarsaa Ameerikaa USAID dhiyeessii gargaarsa Itoophiyaa keessatti taasisu addaan kutuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 09/2023 – Itoophiyaa keessatti sadarkaa biyyaaleessaatti gargaarsi miidhamtootaaf kennamaa ture kaayyoo hin yaadamneef akka oolu erga mirkanaa’ee booda dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa (USAID) kenniinsa gargaarsaa Itoophiyaa keessatti taasisaa addaan kutuu isaa ergaa imeelii Addis Standarditti ergeen beeksiseera. 

Murteen gargaarsa nyaataa addaan kutuuf darbe baay’ee ulfaataa fi rakkisaa ta’us murtee kana dabarsuudhaaf dirqamne jechuun dubbi himaan dhaabbata gargaarsichaa ergaa karaa Imbaasii Ameerikaan nuuf erganiin kan beeksisan yoo ta’u, murteen kun hanga sirna dhiyeessii gargaarsaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu irratti haaromsi barbaachisu taasifamutti akka turu beeksiseera.

Dhaabbanni gargaarsa nyaataa kana saffisaan jalqabsiisuuf dhiyeessiin isaa miidhamtoota giddu galeessa kan godhate fi ragaa irratti kan hundaa’ee fi loogii kan hin qabne ta’uu yoo mirkaneesse ta’u qofa ibseera. Kaayyoon murtee kanaa inni guddaanis dhiyeessiin nyaataa namoota miidhaman qofaaf akka dhaqqabamu taasisuu ta’uu ibseera.

Addis Standard gabaasa addaa kaleessa Waxabajjii 08 maxxanseen, Itoophiyaa keessatti gargaarsi nyaataa dhaabbilee gargaarsa irraa argamu haala qindaa’aa ta’een kaayyoo hin taaneef oolaa kan jiru ta’uu fi gochi kun bifa qaamolee federaalaa fi naannoo hirmaaciseen naannolee torba keessatti raawwatamaa jira jedhamu isaa beeksise ture.

Gocha gargaarsa nyaataa faayidaa biraan oolchu naannoo Tigraay keessatti raawwatame jedhameen, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) fi Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID) gargaarsa nyaataa addaan kutuu hordofee, yaadannoo keessoo dhaabbilee gargaarsaa Itoophiyaa keessa socho’an qopheessanii fi Addis Standard ilaale gochi kun naannoo Tigraay keessa qofa osoo hin taane naannolee torba keessatti bifa dhaabbilee federaalaa fi naannoo hirmaachiseen kan raawwatame ta’uu saaxileera. 

Dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa (USAID) hordoffii bal’aa ji’oota lamaan darbaniif gaggeessaa tureen gargaarsi nyaataa dhaabbileen gargaarsaa Itoophiyaa keessa socho’aniin godhamu faayidaa biraaf oolaa kan jiru sadarkaa biyyoleessaatti akka ta’e mirkaneessu isaa yaadannoon keessoo kun addesseera.  Gochi kun haala yakka qindaa’aa fi walxaxaa ta’een akka raawwatame kan agarsiisu sanadni kun gargaarsi nyaataa miidhamtoota bira akka hin geenye gufuu ta’uu eereera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.