Gabaasa Addaa: Itoophiyaatti gargaarsi nyaataa bifa dhaabbilee federaalaa fi naannolee hirmaachiseen, naannolee torbatti faayidaa hin malleef oolaa jira jedhame

Naannoo Affaar keessatti wayita dubartootni gargaarsa fudhatan. Suuraa: @WFP

Finfinnee, Waxabajjii 08/2023 – Gocha gargaarsa nyaataa faayidaa biraan oolchu naannoo Tigraay keessatti raawwatame jedhameen, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) fi Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID) gargaarsa nyaataa addaan kutuu hordofee, yaadannoo keessoo dhaabbilee gargaarsaa Itoophiyaa keessa socho’an qopheessanii fi Addis Standard ilaale gochi kun naannoo Tigraay keessa qofa osoo hin taane naannolee torba keessatti bifa dhaabbilee federaalaa fi naannoo hirmaachiseen kan raawwatame ta’uu saaxileera. 

Dhaabbanni gargaarsa Ameerikaa (USAID) hordoffii bal’aa ji’oota lamaan darbaniif gaggeessaa tureen gargaarsi nyaataa dhaabbileen gargaarsaa Itoophiyaa keessa socho’aniin godhamu faayidaa biraaf oolaa kan jiru sadarkaa biyyoleessaatti akka ta’e mirkaneessu isaa yaadannoon keessoo kun addesseera.  Gochi kun haala yakka qindaa’aa fi walxaxaa ta’een akka raawwatame kan agarsiisu sanadni kun gargaarsi nyaataa miidhamtoota bira akka hin geenye gufuu ta’uu eereera. 

Akka yaadannoo keessoo Garee Dhaabbilee Deeggarsa Namoomaa fi Dandamannaatin qophaa’e, “daawwannaa hordoffii warshaalee daakuu 63 naannolee Itoophiyaa torba keessatti godhameen meeshaaleen nyaata namoomaa gargaarsa USAIDn galan faayidaa biraaf oolaa akka jiran,” agarsiiseera.

Sirni faayidaa hin malleef oolchuu kun “qaamolee mootummoota federaalaa fi naannootiin, akkasumas kutaaleen waraanaa guutuu biyyattii gargaarsa namoomaa irraa fayyadamoo ta’aniin” kan qindaa’e ta’u ibsameera. Daldaltoota midhaanii fi daakuu dhuunfaas sirna hannaa kana keessatti gahee taphataniiru,” jedha yaadannoo kun.

Hordoffiin USAIDn godhe kun “qamadii Faransaay, Jaappaan fi Yukireen irraa karaa michummaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP)tin arjoomame” dabalatee meeshaalee dhaabbilee gargaarsaan gargaaraman biroo faayidaa hin malleef oolaa akka jiran ragaa argachuu ibsameera. Fulbaana darbe keessa Yukireen midhaan meetiriik toonii kuma 50 Itoophiyaa fi Somaaliyaaf karaa WFP arjoomtee turte.

Yaadota ciccimoo kennaman

Bara 2023 baatii Bitootessa keessa mootummaan Itoophiyaa fi michoota gargaarsa namoomaa guutuu biyyattii keessatti namoota miliyoona 20 ol gargaarsa nyaataatiin gargaaruuf doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.99 gaafachuun waamicha waloo taasisu isaanii ni yaadatama. Kana keessaa tilmaamaan miliyoona 13 kan ta’u naannoo hongeen miidhame qofa keessatti deebii namoomaaf laachuuf kan xiyyeeffatedha.

Fedhiin jiru akkuma jirutti ta’ee garuu yaadannoon Garee Dhaabbilee Deeggarsa Namoomaa fi Dandamannaa yaadota ciccimoo hawaasa arjoomtootaa fi mootummaa Itoophiyaatiin hojiirra oolan dabareera. USAIDn dhaabbileen gargaarsa biroo “carraa kanatti fayyadamuun ijaarsa namoomaa Itoophiyaa akka fooyyessan” kan gaafatu yoo ta’u, gareen gargaarsa namoomaa kun mataan isaa mootummaan Itoophiyaa dhimma gargaarsa namoomaa faayidaa biraaf oolchu kana irratti ibsa balaaleeffannaa kennu fi hojjettootni dhaabbilee gargaarsaa kutaalee biyyattii hunda keessa jiran akka hin hiraarfamne gaafachu irraa eegale tarkaanfiiwwan ciccimoo akka fudhatu gaafateera. Kana malees caasaa gocha kana irratti gurmaa’e akka adda baasuu fi diigu gaafateera.

Gareen kun bal’ina gocha faayidaa biraaf oolchu naannolee maqaan isaanii hin eeramne uwwisu kana agarsiisuun, mootummaan federaalaas “abbootii taayitaa naannolee fi isaa gadi jiran waliin ta’uun meeshaalee dhaabbilee gargaarsaan galan yeroo ammaa kana karaa seeraan alaa Itoophiyaa keessatti kuufamaa jiran kamiyyuu adda baasuun gara dhaabbilee argaarsaaf akka deebi’an haala akka mijeessu” gaafateera.

Gabaasaalee hojii gadhiisu hoggantoota WFP fi haalamu isaa

Hoggantoonni olaanoon Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) damee Itoophiyaa fedha isaaniitiin gita hojiisaanii gadhiisuu marsaritiin hawaasaa zaniiw hiwummaaniiteeriyaan jedhamu beeksise ture.

Daarikteeera dhaabbatichaa Klaawdii Jibidaar fi itti aantuun isaa Jeenifar Bitoondii hojii gadhiisuuf iyyannoo galfachuu gabaaschi addeesseera.

Hojjattoonni kunneen gita hojiisaanii gadhiisuun kan himame battala dhaabbatichi saamichi miidhaan gargaarsaa raawwatamuu ibsuun gargaarsa naannoo Tigraay keessatti hojjatu yeroodhaaf addaan kutuu beeksisuun yakka kanarratti qorannoo kan gageessuu ta’uu ibseeni.

Haata’u malee, Sagantaan Nyaata Addunyaa fuula tiwiitaraa miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen qondaaltonni olaanoo dhaabbatichaa Itoophiyaa keessatti argaman aangoo gadhiisan jedhamu isaa haaleera. Hoggantoonni dhaabbatichaa aangoo gadhiisaniiru jedhamuun miidiyaalee adda addaatiin tamsa’uun isaa guutummaatti dogoggora ta’uu ibseera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa fuula tiwiitara isaa irratti akka maxxanseetti, Itoophiyaatti Daarektarri dhaabbatichaa Kilaawud Gibidar boqonnaarra kan jiru yoo ta’u, ammas miseensa dhaabbata keenyaati jedhe. Itti aanaa daayreektaroota dhaabbatichaa hundi hojii irra akka jiran kan ibse dhaabbaticha, itti aanaan daayreektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa aangoo gadhiisuu isaanii himame Jeenifar Bitoondiin ammallee hojiirra akka jiran akeekeera. Aanga’aa ol’aanaa aangoo gadhiise akka hin jirrees ibseera.

Akka maddi odeeffannoo maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standardtti himeen, “gaaffii USAID” keessaa tokko “jijjiirama hoggansa guutuu dhaabbata WFP damee Itoophiyaa keessatti akka taasifamudha.”

WFPn ijjiirama hoggansa gochu baatuus, “gargaarsa nyaataa lubbuu baraaruu irratti gidduu seentummaan dabalataa namoota gargaarsa barbaadan bira akka hin geenye akka hin danqineef tarkaanfiiwwan bal’aa fi sirnaawaa diriirsuu irratti akka argamu amaneera.

Addis Standard hoggantoota kominikeeshinii Sagantaa Nyaata Addunyaa damee Itoophiyaa fi Afrikaa Bahaa argachuun yaaliin taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.