Oduu: Mootummaan Masjiidota magaalaa Shaggaritti argaman diiguu akka dhaabu waadaa galeera: Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa

Seek Haji Ibraahim Tufaa, Suuraa: Zaawyaa Televizhiin

Finfinnee, Waxabajjii 08/2023 – Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa har’a lateen rakkoolee diiggaa masjiida magaalaa Shaggar keessatti godhamuun walqabatee mudatan haala ittiin furuu danda’amu irratti mootummaa naannoo Oromiyaa (MNO) waliin mar’iachuu beeksise. Ibsa kana irrattis mootummaan naannichaa diiggaa masjiidota kan akka dhaabu ibsameera.

Manni marichi ibsa har’a laateen mootummaan naannoo Oromiyaa masjiidota “seeraan alaa” jedhaman magaalaa Shaggar keessatti ijaaraman diiguu dhaabuuf waaadaa galuu ifoomseera. Akkasumas, masjiidota kanaan dura diigamaniif iddoo jijjiirraa yeroodhaaf ta’u kan kennu ta’uu waadaa galuu ibsichi eereera.

Mootummaan naanichaa manneen amantaa hunda 800 magaalattii keessatti ijaaraman keessaa 656 kan seeeraan ala ijaaraman ta’uu ibseera. Masjiidota seeeraan alaa jedhaman keessaa kan diigamuu malan Manni Maree Islaamummaa naannichaa ofiisaatii ilaale akka diiguu murteeffameera.

Duula diiggaa kanaan hamma yoonaatti masjiidonni 22 ta’an diigamuu ibsi manni marichi laate beeksiseera.

Kana malees, rakkoo ijaarsa masjiidaatiin walqabatee jiru itti fufiinsaa furuuf lafa ijaarsa masjiida “guddaa fi ammayyaawaa” ijaaruuf oolu akkaataa kaartaa magaalattii eegeen kan kennuuf ta’uu mootummaan naannichaa waadaa galeera jedhe. Dabalataan mootummaan lafa ijaarsa Yuunivarsitii Islaamummaatiif oolu kennuuf karoorfachuusaa himameera.

Akka ibsi har’a laatame jedhutti, manneen amantaa fi abbootii amanataa wajjiin marii osoo hin taasisin gara diiggaatti galuun dogoggora ta’uu MNO amanuun hamma kaartaan haaraa magaala Shaggar hojiirra oolutti musliimota magaalattiitiif iddoon masjiida jijjiirraa yeroo akka laatamuuf murteeffameera.

Hiriira mormii diiggaa masjiida hordofee Finfinnee masjiida Anwaaritti godhameen walqabatee namoota to’annoo poolisii jala oolan hiiksisuurratti poolisii magaalatti wajjiin mariin guyyaa har’aa sa’aa sagalitti kan taasifamu ta’uu ibsichi addeesseera.

tarkaanfiin humnoota nageenyaa ummatarratti mormii mul’isuuf baherratti fudhate sirrii akka hin taanes ibsaameera.

Diiggaa masjiida “seeraan ala” magaala Shaggar keessatti ijaaramaniin walqabatee mormii Finfinnee magaala Anwaaritti godhameen walqabatee lubbuun namoota lama darbuu, amantootni fi miseensonni poolisii miidhamuun Addis Standard gabaasuun isa ani yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.