Oduu: Sirni awwaalcha bulchaa itti aanaa Aanaa Ada’aa Bargaa torban darbe qaama hin beekamneen ajjeefaman raawwatame

Abdiisaa Qananii, bulchaa itti aanaa aanaa Ada’aa Bargaa kan turan

Finfinnee, Waxabajjii 12/2023 – Torban darbe Waxabajjii 08, 2023 mana jireenyaa isaanii magaalaa Beekkatteetti argamutti qaama hin beekamneen kan ajjeefaman itti aanaa bulchaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Abdiisaa Qananii guyyaa kaleessa bakka hoggantoonni olaanoo godina Shawaa Lixaa fi aanaa Ada’aa Bargaa, maatii fi firoottan isaa argamanitti bakka dhaloota isaa magaalaa Beekkatteetti sirni awwaalchaa isaa raawwatamuu Kominikeeshiniin Aanaa Ada’aa Bargaa gabaase.

Bulchaan aanichaa Kumalaa Hirphaa ajjeechaa obbo Abdiisaa irratti raawwatameef gaddi cimaan kan itti dhaga’ame ta’uu ibsaniiru. “…ajjeechaa gara jabeeyyiin raawwataniin hogganaa akkasii of biraa dhabuu kootiif gadda cimaatu natti dhaga’ame,” jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa aanaa Ada’aa Bargaa Kabbadaa Baqqalaa gama isaaniitin ajjeechaa obbo Abdiisaa Qananiitiif gaddi guddaan itti dhaga’amu ibsan. “Ajjeechaan obboleessa  keenya Abdiisaa irratti raawwatame ajjeechaa gara jabeeyyiin lubbuu namaaf dantaa hin qabne raawwatan kan guddaa na gaddisiisedha. Gocha hamaa kanaan hogganaa cimaa tokko dhabne,” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.