Oduu: Leet. Janaraal Yilmaa Mardaasaan walitti qabaa boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta’uun muudame

Finfinnee, Waxabajjii 12/2023 – Ajajaa Humna Qilleensa Itoophiyaa kan ta’an Leetnaant Janaraal Yilmaa Mardaasaa walitti qabaa boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta’uun muudamuu Daandii Qilleensa Itoophiyaa beeksise.

Daandii Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen, Leet. Janaraal Yilmaa Mardaasaa ajajaa Humna Qilleensa Itoophiyaa yoo ta’u, akkasumas miseensa koree hoggansa daandii qilleensaa ta’uun waggoota lamaa fi walakkaaf  tajaajilaa erga turee booda Waxabajjii 08, 2023 irraa  eegalee walitti qabaa boordii kan ture obbo Girmaa Waaqee bakka bu’uun muudamuun ibsameera.

Girmaa Waaqee daandii qilleensichaa keessatti hojii gaggeessummaa dabalatee sadarkaa garaagaraatti tajaajilaa kan turan yoo ta’u Bitootessa 2022 irraa kaasee garicha hogganaa turaniiiru. Yeroo kanattis beekumsaa fi muuxannoo daandii qilleensaatiin walqabatee qaban qooduun haala gaariin hogganaa turaniiru jedhe.

“Guddinaa fi milkaa’ina garee daandii qilleensichaa keessatti gumaachi inni godhe guddaa waan ta’eef [Girmaan] seenaan garee hoggantoota daandichaa keessatti bakka addaa ni qabaata,” ibsichatu jedhe.

Gareen daandii qilleensaa kuni gumaacha isaan taasisaniif obbo Girmaa Waaqee galateeffachuun Leet Janaraal Yoilmaa Mardaasaaf bara hojii gaarii hawweera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.