Finfinnee, Waxabajjii 13, 2023 – Hanqinni baajata barana Itoophiyaaa mudate birrii biliyoona 309’tti tilmaamu rakkoon dinagdee biyyattii keessa jiru hammaachaa kan deemu ta’uu akeekuu danda’a.
Hanqinnii baajataa mudate kun hanqina baajataa biyya keessa ture kan hammeessu mootummaan Itoophiyaa immoo rakkoo kana furuuf akkuma barame baroota itti aananii dhufanis karaa rakkisaarra deemuu kan itti fufu ta’uu mul’isa.
Mootummaan biyya bulchaa jiru rakkoo baajataa ulfaataa sababa Koronaattii fi walwaraansa biyya keessa tureen walqabatanii dhalatan wajjiin wal’aansoo keessa galeera. Hanqinni baajataa omisha biyya keessa bara darbe ture tilmaa idiladdunyaa kan harka sadii ture ol ta’uun harka 4.2 ta’eera.
Baajatni biyyattii bara dhufuu biliyoona 801 ta’uun dhiyeenya kana raggaasifame hanqina baajataa birii biliyoona 281 mul’isa. Wixinee labsii baajataa bara 2016 birii biliyoona 15.05 dabalee ture.
Baajata waliigalaa ture keessaa, biliyoona 203.9 baasii kaappitaalaatiif kan oolu yoo ta’u kan hafe birrii biliyoona 369 hafeera. Birrii biliyoona 14 karoora misooma itti fufaa tiif kan oolu yoo ta’u biliyoonni 214 immoo deeggarsa naannooleetiif oola.
Ministeerri Faaynaansii Ahmad Shideetorban darbe paarlaamaadhaaf yeroo gabaasa dhiyeesseetti sababa galii qaraxaa gadi bu’uu fi liqiin biyya keessaa hir’achuutiin walqabatee rakkoo hanqina baajataa hammaataan biyyattii mudachuu ifatti dubbateera.
Waggoota lamaan darban keessa miiltoowwan misoomaa gargaarsa maallaqaa waadaa galan biyyattiif gadhiisuu baachuu fi gargaarsi biyyaa keessa gadi bu’aa (harka 22%) qofa ta’uu sanadi ministeerichi qaama seera baasuuf dhiyeesse Addis Standard harka galee ture ni mul’isa.
Ibsi fandii maallaqa idiladdunyaa (IMF) torban darbe baase, mootummaan Itoophiyaa rakkoo dinagdee guddaa jiru akka furuuf gaafachuu ibseera. Kanaan walqabatee murtee dabarsuuf miiltoowwan misoomaatiin mariin taasifamaa jiraachuu ibsichi addeesseera.
“Fedhii gargaarsa namoomaa fi deebisanii ijaaruuf jiru baasii garmalee ol kaasa jedhamee tilmaamama,” jechuun Ahmad miseensota mana mareetti himeera. Seera baaftonni tokko tokko garuu yaada faallaa ta’ee qabanis jiru.
Akka miseensa mana maree Zagayyee Muluyyee (PhD)tti sababaoonni hanqina baajataa lamadha. Inni duraa qisaasa’ina baajataati jedheera. “Hojiiwwan dursa kennamuufi qaban hedduu osoo jiranii waggoota afran darban keessa biiroolee mootummaa haarawoomsuurratti qarshii guddaan baasii godhameera,” Zagayyeetu jedhe.
Sababi lammaffaa immoo dadhabina qarshii gahaa sassaabuu dhabuuti jedheera. “maallaqa galii dhuunfaarraa sassaabamu qofatu seeraan sassaabame,” jechuun Zagayyeen kan yuunivarsitii Finfinneetitti waggoota jahaaf bulchiinsa qabeeenyaa ta’uun tajaajilaa ture yaadasaa kenneera.
Akkasumas, galii sassaabamuu qabuu gadi ta’e walitti qabamuu Ahmad Shidee amanuun harka 10.7 waggoota shan dura ture irraa gara 7.1 tti gadi bu’uu ibseera.reeshiyoo kuni galii giddugaleessa Afrikaa Sahaaraa gadittii barame 17% tii gadiidha.
Kurmaana sadan darbanii bara kanaa keessa galiin gibiraan argame birrii biliyoona 282 qofa ture. Haala kanaan yoo itti fufe, kan karoorfamee keessaa harka 80 qofatu sassaabama.
Baajatni piroojektiile misoomaa kan akka qonnaa, jallisii fi annisaatiif ramadame xiqqaa ta’uu miseensi paarlaamaa fi bakka bu’aan paartii sochii biyyaleessaa Amaaraa Dassalany Caannee(PhD) eereera.
Zagayyeen ilaalcha wal fakkaatu qaba. “baajanni ramadame gahaa waan hin ta’iniif piroojektiileen dhaabbata baankii addunyaatiin deeggaramanis dhaabatanii hafanii jiru,” Zagayyeen dabale jedhe. “Piroojektiileen akkanaatiif dursa kennuun fandii dhaabbilee arjooman irraa argamu seeraan fayyadamuuf biyyattii gargaara.”
Gibirri galii mootummaaa keessaa harka 80.8 ta’a. waggoota saden darban keessa galiin ootummaa harka 15.1 dabalaa tureera. Karaa biraatiin,baasiin mootummaa waliigalaa harka 24 dabaleera. Kunimmoo mootummaan baasiidhaa dursa akka kennu taasisuu Ahmad himeera.
Baajata kana paarlaamaadhaaf dhiyeessuu dura baajata hir’isuun murtee gaarii ta’uu seera baaftonni ibsanii ture. Bara dhufutti, baasiin harka 7.3’n ol ka’uu yoo ta’u baajanni kaapitaalaammoo harka jahaan gadi ni bu’a.