Oduu: Baahirdaaritti meeshaa waraanaa fi kontroobaandiin birrii miliyoona saddeet ol baasu too’atame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2023 – Naannoo Amaaraa gumruka Baahirdaar damee keellaa Gondaritti meeshaa waraanaa fi kontoobaandii biroo birrii miliyoona 8.9 baasu too’atame.

Ibsi ministeerri galiiwwanii baase akka mul’isutti, “meeshaaleen kontiroobaandii gara magaala Gondar seenuuf osoo jiranii keellaa Walaqaatti qabaman keessaa 86 shugguxii habbaa 86, urgooftuu fi meeshaalee elektirooniksii garaagaraa ni argamu.”

Ministeerichi dabaluun meeshaaleen kunneennkan too’ataman sakkatta’iinsa poolisii fi kora bittinneessaaa taasiseeniidha jedhe.

“Komishiniin gumrukaa poolisootaa fi kora bittinneessaa hojii seera kabachiisuu kanarratti kan hirmaataniif galata dhiyeessa,” jedhe. Daldaltoonni seeeraan alaa kunneen tooftaasaanii jijjiiruun hojjatu waan ta’eef sochiin komishinichi qofaasaatti taasisu gahaa waan hin taaneef hawaasni tumsa akka taasisu gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.