Oduu: Pilampiinat nyaachuu fi gurguruun dhoorkame

Finfinnee Waxabajjii 13, 2023 – Godina Baaleetti aanaan Sawweenaa qorichi daa’imman hir’ina nyaataa qaban wal’aanuuf oolu Pilampiinat (Plumpy nut) jedhamuun beekamu nayaataa fi gurguraaf oolchuun dhorkamaa ta’uu ibsuun nama yakka kana raawwateerratti “tarkaanfii barsiisaa” fudhadha jechuun akeekkachiise.

Ibsi biiroon kominikeeshinii godinichaa baase, pilampiinatiin qoricha dhibee hir’ina nyaataa ti malee bakka nyaataa hin bu’u waan ta’eef namoonni akka nyaataatti ofii fi daa’immaniif akka hin fayyadamne dhorkeera. Qorichi kuni nama dhibee hir’ina nyaataa hin qabneratti dhibee biraa fiduu danda’a jedheera.

Haaluma kanaan koreen ittisa nageenyaa godinichaa rakkoo kan ittisuuf jecha namoota yakka kana hojjatan irratti “adabbii cimaa” kan fudhatu ta’uu biirichi addeesseera. Qaama kana raawwatee argamerratti “tarkaanfii barsiisaa” fudhatama jedheera.

Qoricha kana bituu fi gurguruun labsii qorichaa fi nyaata too’achuuf bahe lakk. 1112/2011 keeyyata 6(4) yakkaan adabii waggaa sadii hamma shanii fi birrii 5,000 hamma 100,000 kan nama adabsiisuu ta’uun eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.