Oduu: Gargaarsi gara Tigiraayitti ergame keessaa harki caalu qaamolee mootummaa federaalaa fi humnoota Eertiraan saamamuu koreen qorannoo beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 15/2023 – Odeeffannoowwan gargaarsi Tigraay keessatti miidhamtootaaf akka kennamuuf dhiyaachaa ture saamamuu isaa agarsiisan argachuu isaa gabaasni koree qorannoo Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay, Geetaachoo Raddaatiin muudame dhiheesse mul’ise. 

Dura taa’aan koree qorannoo kanaa Letanaal Janaraal Fissahaa Kidaanuu ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kennaniin akka ibsanitti, gargaarsi nyaataa miidhamtoota Tigraayiif ergame keessaa harki caalaan mootummaa federaalaa fi humnoota mootummaa Eertiraan hatamuu isaa dubbataniiru. 

Qaamoleen mootummaa federaalaa fi humnoota mootummaa Eertiraa malees qaamonni mootummaa naannoo Tigraay saamicha kanarratti hirmaachuu isaanii ibsichi dabalee ibseera. Adeemsa deeggarsa Tigraay keessatti miidhamtootaaf dhiyaate karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu keessatti shakkamtoonni 186 hirmaachuu isaanii mirkaneessuu koreen qorannoo kana ibseera.

Dura taa’aan koree qorannoo fi itti gaafatamaan waajjira nageenya bulchiinsa yeroo naannichaa kan ta’an Lt. Janaraal Fissahaa Kidaanuu hawaasni hojiilee hafan keessatti akkuma barame tumsa isaa akka cimsu waamicha dhiheessuun shakkamtoota hafan seeratti dhiyeessuu akka hojjatu himaniiru.

Koreen qorannoo kun akka beeksisetti qamadii kuntaalli kuma 28 fi 880, zayitiin liitira kuma 43 fi 200 fi atara kuma 1 fi 440 waraana Eertiraan saamameera. Qaamolee mootummaa federaalaan ammoo qamadii kuntaalli kuma 43 fi 196, zayitiin liitira kuma 129 fi 585 fi atara kuntaala kuma 4 fi 187 saamameera. Qamadii kuntaala kuma 14 fi 317, zayitiin liitira kuma 42 fi 759 fi atara kuntaalli kuma 1 fi 424 ammoo qaamolee mootummaa naannoo Tigraayiin saamameera.

Saamicha midhaan gargaarsaa keessattis qindeessitoonni kaampii buqqaatotaafi hojjettoonni gargaarsaa hirmaachuu isaanii koreen qorannoo kun beeksiseera.

Oduu walqabateen, Addi Bilisummaa Uummata Tigraay walgahii koree giddu galeessaa guyyoota afuriif gaggeessaa ture xumuruu isaa hordofee ibsa kaleessa baaseen dhiheessiin gargaarsaa Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture addaan cituu mormee jira. Murtee midhaan gargaarsaa addaan kutuun murtee ummata Tigraay beelaan rakkachaa jiru adabuuf murtaa’e malee yakkamtoota adabuuf miti jechuun qeeqeera. Bulchiinsi naannichaa dhaabbilee gargaarsaa waliin mari’achuun gargaarsa kana eegachiisluu fi yakkamtoota akka itti gaafataman tattaaffii taasisaa jiru keessattis akka tumsu paartichi beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.