AS-Jabaa: Mana barumsa Afaan Oromootin keeroogiraafii fi shubbisa shaakalchiisuu banuuf karoorfadheen jira: Tulluu Hirkoo

Tulluu Hirkoo

Abdii Biyyansaatiin

Finfinnee, Waxabajjii 16/2023 – Tulluu Hirkoo jedhama, godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree fi Jalduu gidduu ganda Dhakabooraa ykn Qoricha jedhamuun beekamutti dhalate. Barnoota sadarkaa tokkoffaa isaa mana barumsaa Burqa Harbuu jedhamuu kan magaalaa Hoolotaatti argamu keessa barate. Sana booda gara magaalaa Bishooftuu imaluun sadarkaa barnoota itti aanu mana barumsaa Tokkummaatti barate. Yeroo amma kana barnoota isaa qoophaa’ina mana barumsaa Riifti Vaalii jedhamuuti barachaa jira.

Hojii shubbisa (keroograafii) kanaan jalqabee “Baandii Hora Arsaadii” jedhamuu kan magaalaa Bishooftuutti argamu keessatti akka ta’e yaadata. ,

Artistoota hedduudhaaf kilippii isaanii keessatti ogeessa shubbisa ykn keroograafara ta’ee hojjeteera. Sirba haaraa Sinishaaw Mul’ataa “Naxalaa” jedhu dabalatee artistoota Oromoo fi kan Oromoo hin taane hedduuf hojjeteera. Kanneen keessa muraasa isaanii: Dinqisaa Dabalaa – “Roobashii”, Margituu Warqinaa – “Magaallee kiyya” fi “Obomboleettii”, Sisaay Tufaa- “Ushururuu”, Andu’alam Gosaa – “Darbee laalla”, “Michuu dhugaa”, “Gumgumee” fi Wandii Maak- “shambarambaa” eeramu ni danda’u. 

“Keroogiraafara ta’uu koo baay’een jaalaadha,” jedha Tulluun. “Yeroon keeroografii namaaf hojjadhu, akkasummas yeroon aadaa Oromoo karaa keeroogirafii fayyadamuun agarsiisu gammachuu guddaatuu natti dhagahama,” jedha.

Tulluun dhimma ogummaa, muuxannoo fi beekumsa aartii shubbisa irratti qabu ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasiseera.

Addis Standard: Akkamitti gara hojii keeroogiraafi kanatti galte?

Tulluu: Hiriyyoota saba adda addaa irraa dhufanii fi jaalala muuziqaa qaban hedduun qaba. Naannoo kana keessatti waa’ee muuziqaa waan baay’ee irra baraacha ture. Artiistoota hojjii muuziqaa keessa baay’ee turan, sirboota babbareedoo ta’an hojjatan irraas barachaa asan gahe. Adeemsa kana keessatti gara hojjii keeroogiraafitti seene. Kana malees, barnoota fi shaakallii keeroogiraafii kanaa onlaayiniittin ofan barsiisee, marasariitii garagaraa hordoofuun fi viidiyoo garagaraa ilaaluun ofiin of barsiise.

AS: Ilaalcha Tulluutin keeroogiraafiin maali?

Tulluu: Keeroogiraafii jechuun qindoomina shubbisaa, shubbistootaa fi deemsa ati muuziqaa suur-sagalee waltajjii irratti kan agarsiiftu dha. Keeroogiraafiin aartii shubbisa, walitti qabamuu fi gurmaa’ina sochii tartiiba fi akkaataa ta’een hojjechuudha.

Mee hiika keroogiraafii tokkoon haa jalqabnu: Innis aartii shubbisa uumuu fi qindeessuudha. Akka aartii muuziqaa qindeessuutti yaadi. Qopheessaan muuziqaa tokko muuziqaa kan barreessu siʼa taʼu, sana booda muuziqeessitoonni muuziqaa kana ni raawwatu. Haaluma walfakkaatuun, koreegiraafii tokko shubbisaan (yookaan gareen shubbistootaa) akka agarsiisutti barmaatilee uuma.

AS: Hariiroo aadaa fi keeroogiraafii maali?

Tulluu: Keeroograafii fi aadaan hariiroo guddaa waliin qabu. Keeroografiin gosa sochii dhala namaa kan qaamaa fi kan miiraa fi kan qaxxalumma sammuun hojjatamuu dha. Akkasummas, jireenya dhuunfaa jireenya hawaasummaa waliin walitti fidu dhan gahee gudda taphataa. Aadaan hawaasaa, akkasumas muuxannoo dhuunfaa keeroograferii kan hiikkaa-hiiktuu, sochii keeroografii keessatti barreeffamee dhiyaata.

Malli keeroogiraafaroonni adda addaa hojii isaanii itti hojjatanii fi ummannis garaagarummaa qaba. Tokko tokko jalqabarraa kaasee shubbistoota fi keeroografaroota waliin walitti dhiyeenyaan hojjeta, yaada haaraa burqisissuniin fi shubbistoota ofii isaa irraa yaadaa fudhachuun meeshaalee barabaachiisanii fayyadamuun hojjii isaa bareeche hojjachuu danda’a.

AS: Keeroografii fayyadamuun aadaa Oromoo agarsiisuu irratti ilaalcha maali qabda

Tulluu: Aadaa irratti hundaa’uun, gatiiwwanii fi kalaqa tokko tokko dabaluudhaan aadaa Oromoo keeroografii agarsiisa jira. Aadaa keenya fi aadaan warra dhihaa garagaraa waan ta’eef, adeemsa fi aadaa isaanii  waraabuudhaan keeroografii hin hojjadhu. Garaagarummaa aadaa fi akkaataa muuziqaa waan qabnuuf keeroograafii warraa dhiyaa hin hordofnu. Waan aadaa agarsiisu yeroo hojjadhu, keessuma gama muuziqaa kanaan yeroon hojjadhu yeroo koo baay’ee irratti aarsaa godha. Akkasummas saayinsii muuziqaa keeroogirafii sirrittan  fayyadama.

Keeroogiraafaroonni aadaa hojiiwwan haaraa uumuuf yeroo ka’an, yookaan shubbisa aadaa irra deebi’anii hojjechuuf yeroo ka’an, kaka’umsi isaan kanaaf gochuu qaban baay’ee garaagarummaa guddaa ummuu ni danda’a.

Tarii wanti hojjatamee tokko hojii aadaa kan hin qabne fi keeroogiraafiin sun kaka’umsa alaa waan ta’eef dhibbaan inni uumuu danda’uu baay’ee gad-bu’aa ta’uu danda’a. Muuziqaan fayyadamamee gaarii ta’uu danda’a garuu adeemsa fi qindoominaa aadaa faana hin deemu taanaan rakkoodha.

AS: Akka keerograafara muuxannoo qabutti wantoonni ogeessa shubbisaa tokkoo irraa eegamuu maali jette yaadda?

Tulluu: Keeroograafeerii tokko dirqama irraa eegamuu muraasatu jira. Isaaniis;

1. Shaakala kallattiin shubbistoonni fi keeroogiraaferoonni akkaataa tarkaanfii shubbisaa itti fayyadaman hubachuu, fi tooftaalee bu’aa barbaadamu galmaan ga’uu danda’an qajeelchuun barruu qabaachutu irraa eegama.

2. Barattoota keeroogiraafii, shubbistootaa fi namoota biroo waa’ee sirbaa fi sosochii hiikkaa barsiisuu fi hubaachiisuun dirqamadha. Yaada shubbisa uumuu, yaadannoo fi bocaa qabachuudhaan dhiibbaa galmeessisuu danda’uu qaba.

3. Muuziqaa fi bu’aa sagalee yookaan seeneffama dubbatame kan shubbis fi keeroogiraafii tokko waliin deemu filuu danda’uu fi hojjachuun dirqamaa. Shubbistoota akkaataa sirnaan dhaabbatanii fi socho’an irratti gorsuu fi tooftaalee shubbisaa sirrii barsiisuudhaan miidhaan akka hin geenye gargaaru danda’uu qaba/u.

Kaneen kana hundaa gochuun keeroogiraafii bareeda ta’ee hojjachuun ni danda’ama.

AS: Rakkoo hojiin keerograafii isa muddachaa jiru maali?

Tulluu: Biyya keenya keessatti sadarkaan keroogiraafii gadi aanaadha. Hawaasni keenyi gahee muuziqaa bocuu fi miidhagsuu keessatti qabu irratti hubannoon inni qabu xiqqaadha. Biyya keenyaa kana keessattii badhaasa muuziqaaf, kan ogeessa kaameeraa, weellistootaaf badhaasni ni jira. Garuu warra sochii aadaa agarsiisanii fi mul’isan irratti badhaasni hin jiru. Koreegiraafaroonni olaanoo hojii isaaniitiin badhaasa argachuu fi beekamtii industirii argachuu qabu.

Lammaffaan fedhii qaamaati. Koreegiraafaroonni qaama isaanii wajjin waan hojjetaniif, fedhiin qaamaa hojii keeroogiraafii isaanii hojjachuuf aqaban baayyee gad-bu’aa ta’uu danda’aa guyyaa itti hojjachuuf karorifatnittii. Sa’aatii yookaan guyyoota shubbisaa fi keeroogiraafii walitti qabuun dabarsuu danda’u, akkasumas gaaffii imalaa fi sagantaa cimaa ilaaluu qaban qabaachuu danda’u qabu.

Sadaffaan hanqina bakka koreegiraafii itti hojjetaniiti Kun dhugaa dubbachuuf kutaalee koreegiraafii keessatti ulfaataa ta’an keessaa isa tokkodha. Yoo bakka xiqqaa qabda ta’e sochiin kee xiqqaatee sosochii xiqqaattin daangeffamu danda’a.

AS: Ergaa dargaggoota fedhii shubbisaa qabaniif dabarsitu maali?

Tulluu: Dargaggoonni dandeettii koreegiraafii qabanii fi ol guddisuu barbaadan, akkasumas kalaqa haaraa fiduu warri barbaadan sadarkaa ofitti amanamummaa ofii isaanii irrattii hojjachuu qabu. Adeemsa keeroogirafii hojjachuu keessatti dargaggoonni hojii namoonni hojjatan irra deebiin hojjachuu hin qaban. Aadaa keenya mul’isuuf dandeettii kalaqa mataa ofii isaanii fayyadamuu qabu. Dargaggoonni dandeettii isaanii koorsii onlaayinii hordofuu fi shaakaluudhaan guddisuu ni danda’u.Yeroo keeroogirafii hojjatan ispoortii yookaan shaakalli qaamaa hojjachuu danda’uu qabu. Hojjii keeroogirafii hojjachuun duraa ispoortii tokko tokko hojjechuun baay’ee barbaachisa dha.

AS: Kayyoo kee gara fuuldura maali?

Tulluu: Amma yeroo kanaatti gahee koo muraasa bahachaan jira garuu akkan yaade hin hojjanne. Karoora baasee hunda fixaan hin baasine. Rakkoolee tokko tokko kan akka hanqina istudiyyoo fi meeshaalee keeroogiraafii kana hojjechuuf gufuu natti ta’eera. Gara fuuladuraa rakkoowwan na mudachaa jiran furuun hojii hin hojjatiin na hafan hojjachuu ittiin fufa. Akkasumas, akkaadaamii Afaan Oromoon keeroogiraafii fi shubbisaa shaakalsiisuu banuuf karoorfadheen jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.