Oduu: Kuul Surreen Ambaasaaddara Baddallee ta’uun dhaabbata Heenikan Itoophiyaa waliin mallatteesse

Suuraa: Fuula feesbuukii Kuul Surree irraa

Finfinnee, Adoolessa 13/2023 – Muuziqaa aadaa Booranaa haala ammayyaatiin addunyaatti beeksisuufi gosa Muuziqaa ‘Afrobeat’ fi ‘drill’ Afaan Oromoon indaastirii Muuziqaa Itoophiyaatti beeksisisuuf tattaafachaa kan jiru weellisaa Addisalam Xibaba (Kuul Surree) Biraand Ambaasaaddara Baddallee ta’uun dhaabbata Heenikan Itoophiyaa waliin mallatteesse.

Waliigaltichi kan waggaa tokko yoo ta’u, bu’aa argamsiisu ilaalamee kan dheereeffamu ta’uu ibsameera.

Walleewwan qeenxee lama fi albama walakkaa (EP) kanaan dura baaseen uummata biratti jaallatamummaa guddaa horachaa kan jiru Kuul Surreen, Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 gaggeeffame irratti badhaasa “Albama Filatamaa bara kanaa” jedhu injifateera. 

Sagantaa waliigaltee kana irratti dargaggootni damee aartii irratti akka guddataniif gahee keenya bahachaa jirra kan jedhe  hogganaa dhimmoota kominikeeshinii dhaabbata Heenikan Itoophiyaa Fiqaaduu Baashaa, weellisaa Kuul Surree waliin hojjechuu keenyaaf gammachuun nutti dhagahama jechuun biyyarraa darbee addunyaa irratti hojii hojjetuun akka milkaa’u hawwii qabu ibseera.

Kuul Surreen gama isaatiin, “dhaabbata Heenikan waliin hojjechuu kootti hedduu gammadeera, ogummaa fi humni koo haga naa eeyyameetti biraandicha beeksisuun gahee koo nan bahadha,” jedhe.

Kuul Surreen waa’ee albama isaa, ogummaa fi muuxannoo jireenya isaa ilaalchisee turtii kanaan dura Addis Standard waliin taasiseen jaalala muuziqaa isa keessatti guddateen hojii dhaabbata Itiyoo Telekoom keessatti qabu aarsaa godhee guutummaatti gara hojii muuziqaatti seenu himeera.

“Gara fuulduratti, abjuu koo muuziqaa keessatti qabuu fi waanan muuziqaaf aarsaa godhe ilaalcha keessa galchuun sadarkaa fooyya’aa irratti artistii fooyya’aa akka ta’u of tilmaamuun danda’a. Hojii idilee koo muuziqaaf aarsaa godheera, sababiin isaas muuziqaa keessatti guddachuu waanan barbaaduu fi indaastiricha keessattis Kuul Surree fooyya’aa ta’e waanan argeef. Kanaafuu namni tokko waan tokkoof waa hunda dhabuuf yoo kutate sana keessatti milkaa’uun isaa hin oolu jedheen amana. Kana gochuufis dandeettii nan qaba jedheen amana” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.