Oduu: Muudamni Phaaphaasotaa Naannoo Tigraay akka dhaabbatu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gaafate

Miseensota Qulqulluu Sinodoosii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa. Suuraa: Giddugala Miidiyaa Tawaahidoo

Finfinnee, Adoolessa 13/2023 – Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa har’a baaseen filannoon phaaphaasotaa Naannoo Tigraay Adoolessa 16 gaggeeffamuuf jiru “heera mana amantichaa kan hin kabajne, caasaa ittiin bulmaata mana amantichaa kan hubuufi kan cabsu” waan ta’eef akka dhaabbatu gaafateera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad fi Pirezdaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa muudama Phaaphaasotaa akka dhaabsisan, tattaaffii nagaa buusuuf taasifamaa jiru akka deeggaran fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf gargaarsa taasisuun waltajjii marii akka mijeessan gaafateera.

Muudamni kun tokkummaa mana kiristaanaa kan miidhuu fi manneen kiristaanota sababa waraanaan miidhamni irra gahe kan hin fayyadne ta’uu ibsichi eereera. Hanga furmaanni waaraa argamutti tattaaffiin nageenyaaf taasifamu akka addaan hin cinne sinoodosichi ibsaa isaa keessatti beeksiseera.

Abbootiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay Adoolessa 16, 2023 phaaphasoota 10 muuduuf akka jiran xalayaa miidiyaaleef erganiin beeksisuun isaanii ni yaadatama. Muudamni phaaphasummaa namoota kudhan kun magaalaa qulqulluu Aksuumitti taasifamuuf akka jedhu eerameera.

Jalqaba torban kana keessa jilli Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas 1ffaan durfamu Kibxata darbe Finfinnee irraa garaa Maqaaleetti imalanii hoggantoota mana amantaa Ortodoksii Tigraay waliin marii taasisuuf yaalaniis walarguuf osoo hin milkaa’iin deebi’uun isaanii ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.