Oduu: Itoophiyaatti uggura Intarneetii irratti kaa’ameen kasaaraa diinagdee birrii biiliyoona 7.5 ol gahe; namootni 2300 ol hojii dhabuu ibsame

Itoophiyaa keessatti Guraandhala 11, 2023 irraa eegalee marsaalee hawaasaa gurguddoo kan akka Tiiktookii, Feesbuukii, Telegraama, Instaagiraamii fi Yuutubii irratti uggurri tajaajila intarneetii kaa’ameera. Suuraa: Worldcrunch

Finfinnee, Adoolessa 13/2023 – Mootummaan Itoophiyaa Guraandhala 11 irraa eegale hanga ammaatti, baatilee shanan darbaniif, uggura “seera qabeessa hin taane” fayyadama Intarneetii irratti kaa’een miidhaan diinagdee biyyattirra gahe birrii biiliyoona 7.5 ol ta’uu dhaabbata miti mootummaa Giddugala Guddina Mirgaa fi Dimokraasii (CARD) jedhamu beeksise.

Uggura tajaajila intarneetii irratti baatilee shanan darbaniif kaa’ame kasaaraa diinagdee doolaara miiliyoona 140.3 ol, gabaa oomishaa kallattii biyya alaa irratti kasaaraa doolaara miiliyoona 27.8 geessisuu fi namoota 2,372 hojii dhabeeyyii taasisuu odeeffannoo CARD irraa argame ni mul’isa.

“Rakkoo siyaasaa hordofuun, bara 2008 ALI irraa eegalee Intarneetii addaan cituun rakkoo Itoophiyaa keessatti hammaataa dhufedha,” kan jedhe giddugalichi, intarneetiin addaan cituun isaa faallaa dimokiraasii fi guddina teeknooloojii dijitaalaa ta’uu ibseera.

Itoophiyaa keessatti uggura mootummaan waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa gurguddoo irratti kaa’e bu’uura seeraa akka hin qabnes ibseera. Tajaajilli interneetii addaan cituun xiyyeeffannoo argachaa waan hin jirreef gatiiwwan mirga namoomaa akkasumas mirga namoomaa fi bilisummaa heera mootummaatiin eegaman muluqaa akka jirus eereera.

Akkasumas addaan cituun interneetii daldala ammayyaa irratti miidhaa guddaa geessisuun diinagdeen biyyattii yeroorra gara yerootti doolaara miliyoonaan lakkaa’amu akka dhabu kan taasisu ta’uus ibsameera.

Itoophiyaatti gochi qunnamtii Intarneetii addaan kutuu “mirga bilisummaa yaada ofii ibsachuu fi odeeffannoo argachuu” gufachiisaa akka jiru giddugalichi ibseera. Dhaabbileen siivikii tarkaanfii mootummaan bu’uura seeraa hin qabne kana mana murtiitti mormuu akka qabanis hubachiiseera. 

Kana malees ummanni Itoophiyaa gocha tajaajila intarneetii addaan kutuu kana mormuu qaba kan jedhe giddudalichi (CARD), uggurri kun akka ka’uuf carraaqqii mataa isaa taasisaa akka jiru eereera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.