Oduu: Oromiyaa fi Amaaraatti dhiittaan mirga namoomaa dabalaa jira, ka’umsi rakkoo kanaas dhabiinsi itti gaafatamummaati: KMNI

Bitaa gara mirgaatti: Komishinara Itti aantuu KMNI Raakeeb Massalaa fi Komishinara olaanaa KMNI Daani’eel Baqqalaa (PhD). Suuraa: Addis Standard

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Adoolessa 12/2023 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qabiinsa mirgoota namoomaa kan bara 2015 ALI qopheesse ilaalchisee ibsa har’a baaseen naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti dhiittaan mirgoota namoomaa dabalaa jiraachuu addeesseera.

Ibsa komishinichi guyyaa har’aa miidiyaaf laatee irratti, Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa (PhD) “naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sarbiinsi mirgoota namoomaa dabalaa dhufeera,” jedhe. 

“Naannoo Oromiyaa iddoolee tasgabbiin hin jirree fi irra deddeebiin haleellaan itti raawwatamu keessatti humnoota mootummaa fi kanneen hidhatanii socho’an biroon sarbiinsa mirga namoomaa raawwatamaa jira,” jedhe. Akkasumas, humna addaa naannolee diiguun gara raayyaa biyyaatti makuuf murtee mootummaan dabarseen walqabatee hokkora ka’een walqabatee taateewwan sarbiinsa mirga namoomaa naannoo Amaaraatti uumamu dabalaa dhufeera jedhe. Taateewwan kunneen ajjeechaa, buqqaatii fi gaaaga’ama namoomaa biroo geessisuu gabaasichi ibseera.

Sarbiinsa mirga namoomaa kunneen hidhaa jumlaa, buttaa, tarkaanfii humnoonni nageenya namoota hiriira nagaa bahan irratti fudhatan, tarkaanfii miidiyaa fi rogeeyyii irrattti fudhataman, dhoorkaa sochii fi manneen jireenyaa diiguun walqabatee kan mudatan ta’uu ibsichi addeesseera. 

Suur-sagalee ajjeechaa dargaggoo lamaa miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureen ilaalchisee gaaffi Addis Standard gaafateef deebii yeroo laateetti, komishinarri KMNI Daani’eel Baqqalaa (PhD), dhimmicha kan beeku ta’uu eeruun dargaggoon lamaan kun bara 2022 keessa Lixa Itoophiyaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti hidhattoota uffata humna nageenyaa mootummaa uffataniin rasaasaan mataa keessa rukutamuun ajjeefamuu himeera. Haata’u malee, komishinichi taatee kanaan walqabatee ibsa hin baasin hafuu amananiiru. Dargaggoonni kunneen “seeraan ala jumlaan ajjeefaman” jedheera.

Bara 2022 keessa Naannoo Beenishaangul Gumuz, godina Matakkal, aanaa Dibaaxee ganda Giphoo keessatti iddoo Caancoo jedhamutti namootni Haabtaamuu Ayyaanaa [abbaa ijoollee sadi] fi Taakkalaa Mangashaa jedhaman mana hidhaa Gilgal Balas jedhamu keessatti hidhamanii erga tursiifaman booda gara bosonaatti geeffamanii humnoota humna nageenyaa mootummaatin rasaasaan ajjeefamuu Addis Standard dhalataa naannichaa wabeeffachuun gabaase ture. 

Itoophiyaan waliigaltee idil addunyaa nama ukkaamsu dhorkuu mallatteessuu dhabuun ishee yakkoota nama ukkaamsuun walqabatan qorachuu irratti dhiibbaa irratti uumuu komishinichi addeesseera. Ka’umsi rakkoo dhiittaa mirga namoomaa kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraa fi dhabiinsa itti gaafatamummaa ta’uu ibsichi dabalee addeesseera.

Tarkaanfiiwwan waldhabdee karaa nagaatiin furuuf jalqabaman gaarii ta’uu kan ibse komishinichi, itti fufeenyaan hojiirra akka oolan gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.