Xiinxala: ‘Ajjeechaa seeraan alaa’ humnoota mootummaa ifatti raawwatan haguugame itti fufeera, dhabiinsi itti gaafatamummaa gaaffii kaase

Taateewwan humnootni nageenyaa mootummaa kaameraan osoo waraabamaa jiran lammiilee nagaa ajjeesan agarsiisa. (Screeshots: Addis Standard)

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Waxabajjii 30/2023 – Baatii kana keessa suur-sagalee suukkanneessaa biraa humnoonni nageenyaa mootummaa uffata waraanaa uffatan namoota nagaa lama harka isaanii dugda duubaan hidhamee fi gara duubaatti garagalan, mataa isaanii irratti rasaasaan yeroo rukutan agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti mul’ateera. Humnoonni nageenyaa ajjeechaa kana keessatti hirmaatan uffata humna addaa naannoo Sidaamaa uffachuun mul’ataniiru.

Miidiyaa AFPtti kutaa Qulqulleessa Odeeffannoo fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) suur-sagaleen kun naannoo waldhabdee sabaa waliin walqabatu irra deddeebiin keessummeessu Beenishaangul Gumuz keessatti ajjeechaan raawwatame kan agarsiisu akka ta’e mirkaneessaniiru. KMNIn gocha “ajjeechaa seeraan alaa” jechuun ibseera. AFPn gama isaatiin taateen kun jalqaba bara 2022tti kan raawwatame ta’uu gabaaseera.

Dhalataa naannichaa fi nama dhimmicha dhiyeenyaan beeku kan ta’e Tamasgeen Gammachuu yaada Addis Standarditti laateen dubbise, ajjeechaan lammiilee nagaa kun naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti bara 2022tti raawwatamuu mirkaneesseera. Akka Tamasgeen jedhutti, haleellaan kun godina Matakkal, aanaa Dibaaxee ganda Giphoo keessatti iddoo Caancoo jedhamutti raawwatame.

“Guyyaa san namoota Haabtaamuu Ayyaanaa [abbaa ijoollee sadi] fi Taakkalaa Mangashaa jedhamantu haala sanaan ajjeefame. Namootni kun qonnaan bultoota nagaadha. Dursa abbaa Taakkalaa hidhan. Taakkalaan kana yeroo dhagahu fiige gara abbaan isaa hidhameera jedhametti deeme. Kallattiidhaan bakka sana deemuu isaayyuu nama nagaa ta’uu agarsiisa. Garuu yeroo achi gahu isa qabanii hidhan,” jedhe Temesgeen. 

Akka Temesgeen jedhutti, namoota lamaan kana dabalatee namootni hedduu gara mana hidhaa Gilgal Balas jedhamutti geeffamanii erga hidhaa keessa tursiifamanii booda guyyaa tokko namoota lama [Taakkalaa fi Haabtaamuu] haala suukkanneessaan ajjeefaman. Ajjeechaa kanas yeroos naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti bobbaafamanii kan turan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Naannoo Sidaamaa fi Humna Addaa Naannoo Amaaraa raawwachuu hime.

Suur-sagalee ajjeechaa namoota kanaa agarsiisu irratti namoota uffata qaama nageenyaa uffatan keessaa namni tokko Afaan Amaaraatiin, “sirritti dhaabbadhaa. Hin socho’inaa”, yeroo jedhu dhagahama. “Irratti dhukaasaa! Isaanitti dhukaasaa,” jedha kan biraan. Sana booda hidhattotni lama Taakkalaa fi Haabtaamuu irratti mataa isaanii irratti dhukaasan. Namoonni rasaasaan rukutaman kun lafatti kufan. Namoota hidhatan keessaa tokko osoo hin deemin dura ammas deebisee irratti dhukaase. Namni suur-sagalee san waraabaaa ture fuula isaanitti dhiyaachuun erga mul’ise booda ija kaameeraa isaa gara ofiisaatti naanneessee of mul’isa.

Fulbaana bara 2021tti humni addaa naannoo Sidaamaa, humnoota addaa Gaambeellaa fi Naannoo Kibbaa waliin ta’uun “ergama nagaa kabachiisuu” qabatanii naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Bulanitti bobbaafamanii turan.

Waajjirri Nageenyaa Naannoo Sidaamaa ibsa Waxabajjii 05 baaseen, suur-sagaleen miidiyaa hawaasaa irratti naanna’aa jiru sadarkaa naamusa humna addaa naannichaa kan hin agarsiisne fi dhugaa lafarra jiruun kan wal faallessu ta’uu ibseera. Ibsichi humni addaa kanaan “waraana amala gaarii fi naamusa cimaa, akkasumas sadarkaa biyyaatti hojii biyyaalessaa gahumsaan raawwachuu isaatiin beekamu” jechuun ibse, ajjeechaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti raawwatame keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibseera.

Humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti namoota nagaa irratti ajjeechaa suukanneessaa yeroo raawwatan kun isa jalqabaa miti. Bara darbe suur-sagaleen ilmi namaa osoo lubbuudhaan jiru jiraan gubamee ajjeefamu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti naanna’aa ture.

“Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti Oromoo ajjeesuun waanuma barameedha,” kan jedhu Tamasgeen, waggoottan lamaan darban keessatti lammiileen nagaa sabaan Oromoo ta’an 78 “sababa Oromummaa isaaniif qofa” ajjeefamuu ragaa qabatamaa ta’e akka qabu ibseera. “Waggoota lamaan sadan darban, hanga ammaattillee naannicha keessatti Oromoo ta’uun akka yakkaatti ilaalama. Ajjeechaa fi saamicha qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatamu lakkoofsa hin qabu.”

Jiraatti nama gubuu…

Bitootessa bara 2022 suur-sagaleen suukanneessaa daqiiqaa shanii humnoonni nageenya mootummaa [miseensota humnoota nageenyaa addaa naannoo Amaaraa fi Kibbaa irraa dhufan miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waliin] naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Gubaa ganda Aysiiditti nama jiraan gubanii yeroo ajjeesan agarsiisu miidiyaa hawaasaa guute.  

Namoonni yakka kana raawwatan du’a nama tikaa sadarkaa olaanaa qabu haaloo ba’aa jirra yeroo jedhan dhaga’ama. Namoota kana yeroo arrabsanii fi jechoota namummaan gadi xiqqeessan yeroo fayyadaman mul’ata. Namoota gubaman keessaa tokko yeroo gubamu lubbuun ture.

Ibsa Bitootessa 12 baaseen, “gochi kun garmalee suukaneessaa fi namummaa kan hin qabnedha,” kan mootummaan federaalaa, namoota yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf waadaa gale ture.

Haa ta’u malee, gocha namummaa hin qabne kana erga raawwatame ji’oota 15 boodallee mootummaan federaalaas ta’e naannoo hanga ammaatti namoota yakka kana raawwatan seeratti hin dhiheessine. Addis Standard irra deddeebiin hoggantoota waajjira nageenyaa Beenishaangul Gumuz dhimma kana irratti yaada akka laatan taasisuuf yaalii taasise hin milkoofne.

Ajjeechaa seeraan ala humnoonni nageenyaa namoota nagaa irratti raawwatan hanga ammaatti seeratti hin dhiyaatin hafan kan jiru naannoo Beenishaangul Gumuz qofa keessatti miti. Naannolee fi kutaa biyyittii hunda jechuun ni danda’ama, ajjeechaa seeraan ala akkanaa argaa turan/jiru. KMNI dabalatee qaamoleen mirga namoomaaf falman adda addaa mootummaan namoota yakka kana raawwatan akka seeratti dhiyeessu dammaqinaan gaafachaa kan turan ta’us, mootummaa naannoo Gaambeellaa irraa kan hafe, tarkaanfii fudhatame hin jiru.

Ajjeechaa Amaanu’eel Wandimmuu 

Caamsaa 11, 2021 ture dargaggeessi Amaanu’eel Wandimmuu jedhamu tokko lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti miseensota humna addaa Oromiyaatiin uummata fuulduratti kan ajjeefame. Suur-sagalee fuula feesbuukii biiroo kominikeeshinii magaalaa Dambi Doolloo irratti maxxanfame irratti Amaanu’eel reebamaa “Ani miseensa Abbaa Torbeeti. Waan ani hojjedhe hin godhinaa. Anarraa baradhaa” jechuun sagalee ol kaasee akka dubbatu yeroo taasifamu ni mul’ata. 

Bulchiinsi magaalattii tarkaanfiiwwan miseensa ‘Abbaa Torbee’ irratti fudhatame ta’uu ibseera. Erga Amaanu’eel ajjeefame booda humnoonni tikaa maatii isaa fi namoota gadda isaanii irratti isaan jajjabeessuuf mana isaatti argaman hiraarsaa tureera.

Maatiin dunkaana ollaa fi firoota isaan jajjabeessuuf keessummeessuuf qophaa’e akka gadi buusan gaafatamuu isaanii Addis Standard firoota isaa irraa dhagaheera. Akkasumas obboleettii Amaanu’eel ganna jahaa kan taate Kananii Wandimmuu dabalatee namoonni gaddarra turan lakkoofsaan gara 35 ta’an to’annoo jala ooluun fi boodarra sa’aatii dheeraaf erga hidhamanii booda gadhiifamaniiru. Firri dhihoo Amaanu’eel kan biraa yeroos Addis Standarditti akka himetti, guyyaa Amaanu’eel ajjeefame sanatti maatiin Amaanu’eel hunmoota nageenyaan reebamanii turan. 

Hogganaan biiroo nageenyaa godina Qeellam Wallaggaa yeroo sanaa Tasammaa Waariyoo, Amaanu’eel seeratti dhiyaachuu baatus yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’uu isaa hime. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa taatee “ajjeechaa seeraan alaa” jedhee waamu balaaleffachuun qorannoon akka gaggeeffamu fi itti gaafatamummaa akka mirkanaa’u gaafateera.

Dhimma yakka raawwatameen itti gaafatamummaa dhabu irratti qondaaltota biiroo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi komishinii poolisii naannicha dubbisuuf yaalii Addis Standard taasise deebii hin arganne. 

Ajjeechaa jumlaa Gaambeellaa

Waxabajjii 16 bara 2022, suur-sagaleen magaalaa Gaameellaa keessatti humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Gaambeellaa namoota harki isaanii dugda duubaan hidhame irratti irra deddeebiin yeroo dhukaasan agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti naanna’aa oole. Guyyaa lama dura Waxabajjii 14, humna waloo Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Gaambeellaa magaalittii keessatti duula waraanaa gaggeessaa jiraachuu beeksisanii turan. 

Jiraattonni magaalaa Gaambeellaa yeroos Addis Standard dubbise akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa mootummaa miseensota “Shanee” barbaacha sakatta’insa gaggeessaa turan. Akka jiraattonni jedhanitti humnoonni nageenyaa nama isaan irraa baqate, dhiirota rifeensi isaanii guddisanii fi kanneen afaan Amaaraa ykn Gambeellaa dubbachuu hin dandeenye, keessattuu warra Afaan Oromoo dubbatan rasaasaan rukutaa turan.

Mootummaan naannoo Gaambeellaa guyyoota lama dura humnoota mootummaa fi humnoota waloo Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi “Shanee” gidduutti dhukaasa waljijjiiruun akka ture ibsee ture. Boodarra humnoonni nageenyaa mootummaa lola sa’aatii dheeraa booda magaalaa Gaambeellaa tasgabbeessuu akka danda’an beeksifame ture.

Baatii Fulbaana bara sana keessa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen, wal dhukaasa guyyaa lama ture kanaan [adda durummaan humnoota nageenya mootummaatin] namootni nagaa seeraan ala ajjeefamuu isaanii beeksiseera. 

Yoo xiqqaate namoonni nagaa 50, kanneen “loltoota Shanee fi meeshaa waraanaa mana isaanii keessatti dhoksaniiru” jedhamanii himataman humnoota mootummaatiin ajjeefamaniiru jedha gabaasni kun. Namoota miidhaman keessaa dubartoota fi namoot dhukkubsattoota sammuu keessatti argamu. Dabalataanis yoo xiqqaate namoonni 25 miidhaa salphaa fi ulfaataa keessumeessuu fi namoonni hedduun reebamanii dararamuu ibseera. 

Maatiin namoota du’aniis reeffa firoota isaanii dhorkamuu fi reeffi namoota nagaa humnoota nageenyaa naannichaatiin ajjeefaman humna addaa naannichaa fi poolisii idilee konkolaataa fe’umsaatiin walitti qabuun bakka hin beekamnetti geeffamee jumlaan awwaalamuu isaas komishinichi mirkaneessee jira.

Boodarra Onkoloolessa 02 mootummaan naannoo Gaambeellaa gabaasa KMNI akka hin fudhanne beeksiseera. Mootummaan naannichaa ibsa kenneen akka jedhetti, gabaasa KMNI “dhugaa lafa jiru ilaalcha keessa galchuun kan hin himnedha” jedheera.

Ajjeechaa jumlaa gaddisiisaa Gaambeellaatti raawwatameen baatii sagal booda, Bitootessa 24 komishiniin poolisii naannichaa akka beeksisetti, qondaalli fi hoggantoonni siiviilii 13 dhiittaa mirga namoomaa taatee Waxabajjii 14 raawwatameen shakkaman qorannoon hanga gaggeeffamutti to’annoo jala ooluu isaanii beeksiseera.

Ebla 03, Itti aanaa komishinara komishinii poolisii naannoo Gaambeellaa duraanii kan ta’e Tuut Koor  taatee Waxabajjii 14 hanga 16tti raawwatame irratti poolisootni lammilee nagaa akka ajjeesan ajaja kennuun shakkamee mana murtii dhiyaateera.

Itti aanaan hogganaa poolisii duraanii kun lammiilee nagaa miseensota garee finciltootaaf odeeffannoo kennuun shakkaman irratti yeroo haleellaa raawwatame akka ajjeefaman ajajuun himatame. ”Yeroo sanatti humnoonni poolisii namoota nagaa ajjeesaa turanitti itti aanaan komishinara isaan dhaabuu qaba ture, kana caalaa qindeessee callisee dabarseera,” jechuun poolisiin qorataa dhaddacha irratti hime.

Haa ta’u malee, hanga gabaasni kun qindaa’etti adeemsa mana murtii itti aanu ilaalchisee wanti ifatti ibsame hin jiru.

“Eegumsa akka hin gaafatamneef taasifamu”

Taateewwan humnoonni tikaa mootummaa utuu of waraabaa jiranii ajjeechaa raawwatan waggoota darban keessa haala waraana kutaa Kaabaa biyyattii fi walitti bu’iinsa biroo kutaalee biyyattii biroo keessatti mul’atuun dabalaa dhufeera.

Bara 2021 keessa naannoo Tigraay bakka Maahibara Dagoo jedhamutti miseensonni waraana Itoophiyaa ajjeechaa namoota 15 irratti raawwate bal’inaan gabaafamee fi balaaleffatamaa ture. Naannoo Amaaraa Caffaa Roobiit keessattis yoo xiqqaate namoota nagaa 30 irratti ajjeechaa raawwatamee fi taatee miseensonni nageenyaa Oromiyaa Kibba Oromiyaa Gujii keessatti osoo mana guban mul’atan taateewwan hedduu kaameeraan qabaman keessaa isaan muraasa, ammas osoo hin himatamiin jira. 

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti komishinarri mirga siiviilii fi siyaasaa kan ta’e Abdii Jibriil (PhD) Addis Standarditti akka himetti, komishinichi taateewwan humnoonni nageenyaa mootummaa gocha hammeenyaa raawwatan kaameeraa irratti galmeessee qorannoo godheera, bu’aa qorannoowwan komishinichi dhiyeessaa ture irratti hundaa’uun mootummaan qorannoo mataa isaa akka gaggeessee itti gaafatamummaa akka mirkaneessu yaada dhiheessan.

Komishinarichi tarkaanfiiwwan itti gaafatamummaa mootummaan fudhate irrattis komishinichi hordoffii akka gaggeessu himuun, garuu dhimmoota addaa gabaasa kana keessatti caqafaman irratti odeeffannoo hordoffii akka hin qabne ibseera.

Dhimma ajjeechaa humnoonni nageenyaa mootummaa lammiilee nagaa irratti raawwatanii fi gocha raawwatameefis itti gaafatamummaa dhabuu Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru ilaalchisee Addis Standard waliin turtii kan taasise Daayirektara Wiirtuu Falmitoota Mirgoota Namoomaa Yaared H/Maariyaam, gochi akkanaa kun yeroo kamiyyuu caala amma daran dabalaa jiraachuu himeera.

“Duraan ajjeechaa qaamni mootummaa lammilee nagaa irratti raawwataman baay’een isaanii dhoksaan raawwatamu waan ta’eef qorannoo gaggeessanii eenyummaa isaanii baruuf ulfaata ture. Amma garuu ofii isaanii suur-sagalee waraabanii gadhiisu waan ta’eef eenyummaa isaanii baruuf hin ulfaatu. Garuu gama mootummaa irraa uwwisa itti gaafatamuu dhabuu (immunity) guddaa jiruutu rakkoo ta’e. Haala kanaan namni hedduu yeroo ajjeefamu fi jiraan gubamu otuma arginu itti gaafatamummaan mirkanaa’e hin jiru.”

Mootummaan itti gaafatamummaa nageenya lammilee mirkaneessuuf qabu dhiisee ofii mirga lammilee sarbaa jira kan jedhe Yared, adeemsi kun biyyattiin maqaa xuraa’e eegumsa mirga namoomaa irratti qabdu daran balleessaa jira, nageenya lammilee fi biyyaa to’annoo ala akka ta’u taasisaa jira jedhe. Mootummaan qaamolee nageenya isaa yakkoota akkanaa irratti hirmaatan seeratti akka dhiyeessu fi dhaabbilee mirga namoomaaf falman dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu hunda mootummaa irratti dhibbaa taasisuuf yakkoota ammaan dura raawwatamaniif itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u taasisu qabu jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.