Oduu: Ameerikaan himata sarbama mirga namoomaa Itoophiyaarra keesse turte kaasuun ishee dhaabbilee namoomaa idil addunyaa irraa mormii isa mudateera

Suuraa: @AFP

Finfinnee, Adoolessa 01/2023 – Mootummaan Ameerikaa kana booda Itoophiyaa keessatti sarbama mirga namoomaa hamaan raawwatamaa jira jedhe akka hin amanne ibsu isaa hordofee dhaabbilee idil addunyaa mirga namoomaaf falman Amnastii Intarnaashinaalii fi Hiyumaan Raayitis Waach ibsa waloo baasaniin mormaniiru. Ibsa waloo isaaniin “murteen kun dhugaa sarbamni mirga namoomaa hamaan guutuu biyyattii keessatti itti fufee jiraachuu isaa kan tuffateedha,” jedhan.

Daayirektarri Waashingitan Hiyumaan Raayitis Waach kan taate Saaraa Yaagar, “Mootummaan Ameerikaa kana booda Itoophiyaa keessatti sarbama mirga namoomaa hamaan raawwatamaa jira jedhee amanuu dhabuun isaa baay’ee nu yaaddessa,” jette. 

“Murteen kun dhugaa sarbamni mirga namoomaa hamaan guutuu biyyattii keessatti itti fufee jiraachuu isaa tuffachuu qofa osoo hin taane, mallattoo yaaddeessaa murtoon hammeenyaa Ameerikaa gatii kaffalchiisu muraasa akka qabu agarsiisuuti.”

Amnastii Intarnaashinaal Ameerikaatti Daarektarri Biyyaalessaa Hariiroo Mootummaa fi Abukaatummaa kan taate Amaandaa Klaasing gaama isheetiin, “bulchiinsi Baayidan mirga namoomaa giddugaleessa imaammata alaa isaa keessa kaa’uuf kan yaadu ta’us sarbamni mirga namoomaa hamaan kana booda akka hin mudanne labsuun isaanii waadaa kana waliin walfaalleessaa,” jette. 

”Erga waraanni dhaabbatee as aanga’oonni Itoophiyaa yakkoota yeroo waldhabdee kaaba Itoophiyaa keessatti raawwatamaniif tarkaanfii haqaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessu hin fudhanne. Osoo haqaa fi itti gaafatamummaaf waadaa galuu hin arginii fi gabaasa sarbama seeraa itti fufee osoo jiruu murtee akkasii murteessuun murtoo siyaasaa namoota lubbuun hafanii fi miidhamtoota giddu galeessa hin godhanneedha.” 

Torban kana Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa madaallii Ministeera Dhimma Alaa irratti hundaa’uun, kana booda mootummaan Itoophiyaa “sarbama mirga namoomaa hamaa” irratti bobba’aa jira jedhee akka hin amanne ibsuun, Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa dabalatee gara fuulduratti diinagdee Itoophiyaa irratti akka babba’an karaa saaqee ture. 

Baatii Bitootessa keessa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Blinken qaamotni waraana kaaba Itoophiyaa keessa jiran hundi yakka waraanaa raawwataniiru jechuun beeksisuun isaa ni yaadatama. Dabalataan Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa Eertiraa fi humnoonni Amaaraa “ajjeechaa, gudeeddii, miidhaa saalaa kan biroo fi qe’eerraa ari’u dabalatee” yakka namoomaa raawwataniiru jedhe ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.