Oduu: ABOn hundeeffama isaa waggaa 50ffaa irratti “Oromiyaatti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu” mootummaa cehumsaa ijaaramaa jiraachuu beeksise 

Finfinnee, Adoolessa 01/2023 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) kaayyoo ijoo cunqursaa uummata Oromoorra gahaa ture hiddaan buqqisuufi Oromiyaa of dandeessee ijaaru qabatee bara 1973 keessa hundeeffame bu’aa ba’ii imala qabsoo hedduu keessa darbee hundeeffama isaa waggaa 50ffaa isaa kabajataa jiraachuu ibse.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa kabaja hundeeffama isaa waggaa 50ffaa ilaalchisuun baaseen ayyaana kana yeroo kabaju “miiraa walmakaa” akka itti dhagahamu ibse. Gama tokkoon, qabsoo abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf bara dheeraa taasifameen kanneen lubbuu isaanii wareeganii maatii isaanii facaasan, kanneen qaamaa fi jiruu fi jireenya isaanii itti dhaban, ammas dhabaa jiran gaddaan yaadachaa, gama biraan ammoo bu’aa weeragama hanga ammaa argamsiiseen gammachuu akka itti dhagahamu ibse.  

“Wayita ayyaana kana kabajnu guutuu Oromiyaa keessa bifa jedhamuun danda’amuun nageenyi boora’ee, caasaan mootummaa caccabee, ummatni tajaajila mootummaa irraa argatu haala argachuu hin dandeenye irra jira,” kan jedhe ABOn, lolli Oromiyaa guutuu keessatti deemaa jiru ummata miliyoonaan lakkaa’amu qe’ee irraa buqqisuu, beela, qaala’insa jireenyaa uummata rakkoof saaxilaa jiran hundeen isaanii gaaffii siyaasaa Oromootiif karaa nagaan deebii kennuu diduu irraa kan madde ta’uu ibse.

Addi Bilisummaa Oromoo “caasaan mootummaa Oromiyaa diigamaa jiru balaa dabalataa osoo hin fidiin, olaantummaan seeraa kabajamee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu yaaduun Mootummaa Cehumsaa Biyyooleessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) ijaaraa jiraachuu” beeksisuun, ummatni Oromoo haala gama kanaan jiru gadi fageenyaan hubachuun rakkoolee hin malleen akka caalaa hin gaga’amne jechaa mootummaa cehumsaa ijaaramaa jiru kana akka deeggaru waamicha dhiyeesseera. 

Kana malees, ABOn gaaffii hiree murteeffannaa fi abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi dimokrasiin lafa qabatuu itti amanu bakkan gahuuf akkuma kaleessaa murannoodhaan sochii qabsoo itti jiru cimsee itti fufuu ibsuun,  jaarmiyaalee Oromoo akeeka walfakkaataa qabanii fi dhaabbilee sabaa fi sab-lammootaa mirga isaanii dhugoomsuuf falmaa jiran wajjin hariiroo ijaarrate caalaatti jajjabeessuun tumsa waliif taasifamu daran akka cimsu beeksiseera. 

Akkasumas dhaabbilee kanneen biroo mirga dimokraasii fi nageenya ummataaf tattaafatan wajjin hariiroo qabu daran akka cimsatuu fi, kanneen hariiroo hin qabne wajjin hariiroo kan tolfatu ta’uu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.